Tamsaasa Kallatti:

Godina Shawaa Lixaatti hidhattoonni duraanii gurmaa’anii fayyadamoo carraa hojii ta’aniiru

Onkoloolessa 15/2018 (TOI)-Hidhattoonni duraanii godina Shawaa lixaa aanaa Ejersa Lafoo gurmaa’anii carraa hojii mootummaan mijeesseefitti fayyadamuusaanii dubbatan.

Baatii sadan jalqabaa bara bajatichaatti dargaggoonni godinichaa kuma 20 caalan carraa hojii argachuusaanii waajjirri carraa hojii uumuu fi dandeettii beeksiseera.

Isaan keessaa hidhattoonni duraanii 160 Intarpiraayizoota 30’n gurmaa’an keessatti argamu.

Aanaa Ejersa Lafootti jiraataa ganda Oolan Komii itti aanaan dura taa’aa waldaa Abdii Abarraa fi hiriyyootasaa dargaggoo Abarraa Taaddasaa hidhattoota duraanii keessaa isa tokkodha.

Hojii eegaluuf birriin miiliyoona 2 tuqaa 5 mijeeffameefii loon gabbatanii fi Baajaajii mi’a fe’u tokko bituun hojiisaaniin bu’a qabeessa ta’aa akka jiran dubbateera.

Kanaan dura  waan hintaaneef bosona keessatti yeroosaa qisaase akka isa gaabbisiisu yaadatee, kanneen karaa dogoggoraa hordofan dhugaa jiru hubatanii gara nagaatti akka dhufan muuxannoosaarraa ka’uun gorseera.

Jiraataan ganda kanaa kan biraan dargaggoo Taammiraat Abarraa, deeggarsa mootummaan godheefiin waldaan gurmaa’anii loon foonii gabbisaa akka jiran dubbateera.

Hojii Kanaan bu’a qabeessa ta’uun jireenya isaanii jijjiiraa jiraachuu eeree, waamicha nagaa fudhate hawaasatti makamuusaatiin gammaduusaa ibseera.

Dargaggoo Girmaawiit Nadhasaa magaalaa Giinciitti hojii tajaajilaarratti kan hojjetti yoo ta’u damee barnootaa eebbifamteen hojii mootummaa osoo hin eegiin hojii uummattee fayyadamuurra darbeedargaggoota biroof carraa hojii uumuushee dubbatteetti.

Hoogganaan waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa godina Shawaa Lixaa obbo Tasfaayee Miijanaa TOI’tti akka himanitti, hojii dhabdummaa hir’isuuf aanaalee godinichaa 22 keessatti hojii dhabdummaa adda baasuu fi galmeessuun raawwatameera.

Dargaggoota fo’aman kuma 40’f leenjiin ogummaa hojii uumuu kennamuu eeraniiru.

Bara bajataa kana dargaggoota kuma 153 caalaniif carraa hojii uumuuf karoorfamee baatii sadan darban dameelee qonna, tajaajilaa fi industiriin dargaggoota kuma 20 caalaniif carraan hojii uumamuu beeksisaniiru.

Isaan keessaa hidhattoonni duraanii 160 Intarpiraayizoota 30’n gurmaa’an akka keessatti argaman eerameera.

Dargaggoota hojii eegalaniif liqiin birrii miiliyoona 212 tuqaa 2 Baankii Siinqeerraa mijachuusaa ibsaniiru.

Dargaggoota waldaan ijaaramaniif bakka itti oomishan lafti heektaarri 417 fi sheediiwwan 18 dabarfamuu kaasaniiru.

Waggaa darbe Godina Shawaa Lixaatti dargaggoota kuma 150 caalaniif carraan hojii akka uumameef odeeffannoon waajjira carraa hojii fi ogummaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015