Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad miseensota hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa waliin ta’uun hojii misooma kooriidaraa Saar beet-Addababayii Jarman-gaarmant fi naannawa Furii hojiinsaa xumurame daawwatan.

Onkoloolessa 15/2018(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad miseensota hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa waliin ta’uun hojii misooma kooriidaraa Saar beet-Addababayii Jarman-gaarmant fi naannawa Furii hojiinsaa xumurame daawwataniiru.

Ministirri muummee ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin bakki heektaara 589 ta’u kun Kaazaanchisitti aanee hojii misoomaa bal’aadha jedhaniiru.

Pirojektiin kun daandii aspaaltii km. 16.5, daandii keessoo dabalataa km. 3  akkasumas daandi lafoo km 33 ofkeessaa akka qabu ibsaniiru.

Hojiin pilaazaawwanii, bakkeewwan Ispoortii, bakka daa’imman itti taphatanii fi misoomni  qarqara lagaa km. 5.2 hijjetamuu ibsaniiru.

Bakka konkolaataan dhaabatu, bakka konkolaattonni elektiriikii anniisaa itti guuttatan, suuqiiwwan dhuunfaa fi dhaabbilee mootummaan ijaaraman 1107 hojii misoomaa Kanaan raawwatamaniiru.

Misoomni kooriidarii kun bakka magariisaa heektaara 50.5, bakkeewwan qulqullinaa ummataa, daandii bishkileetii km. 13.3, bakkeewwan taaksiin itti fe’anii fi buusan 38 ofkeessaa qaba.

Hojiileen pirojektii misooma kooriidarii biyyaalessaa akkasii sochii dinagdee guddisuun gamatti sochii tiraafikaa fooyyessuun, walitti dhufeenya hawaasaa cimsuun dammaqaa sochuuf mijataa fi bakkeewwan magaalaa fulla’aa uumuun qooda guddaa bahaa jiru jedhaniiru.
 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015