Tamsaasa Kallatti:

Baatiiwwan dhufan hidhi inarjii fi tajaajila jallisiif oolan ni eebbifamu-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Onkoloolessa 15/2018(TOI)- Baatiiwwan dhufan hidhi jiddu galeessaa fi olaanaa inarjii fi tajaajila jallisiif oolan akka eebbifaman Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Minstirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gamaaggama raawwii dinagdee gooroo guyyoota 100 kan jalqabaa bara bajataa 2018 ilaalchisuun ministiroota waliin ta’uun hidha Koyishaatti mari’ataniiru.

Barbaachisummaan si’achuu fi uumuu yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessatti ifatti mul’achuu eegaleera jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Pirojektoonni hedduun xiqqaarraa amma olaanaatti eebbifamaa kan jran hojii hordoffii fi to’annii cimaan ta’uusaa dubbataniiru.

Ministirrii muummee hidha ilaalchisuun yaada kaasan irratti naannoo Somaaleetti jallisii, hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa fi hidhoota jallisii walmal hidhoota tibbana eebbifaman keessatti akka eeraman dubbataniiru.

Baatii dhufanis hidhoonni jiddugalaa fi olaanaa eebbifamanii hojii akka eegalan eeranii, hidhi kunneen inarjii fi jallisiif kan oolan ta’uu ibsaniiru.

Hidhoonni eebbifamanii fi ijaarsisaanii xumuraman agarsiiftuu dandeettii si’achuu fi uumuu akka ta’an ibsanii, si’achuun, uumuu fi chichanii hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Pirojektoonni eebbifamuuf darabee eegan jiraachuu eeranii, haadadhabnu, haacichinu yaadamani dadhabbii keenyaan alatti biyyi jjjiiramu hin jiru jedhu bu’aa argameef gargaareera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015