Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Gambeellaatti bara baajataa qabametti  Qurxummiin toonii  kuma 5 fi 971 ol  ni omishama

Onkoloolessa 14/2018(TOI)-Naannoo Gambeellaatti bara baajataa qabametti Qurxummiin toonii kuma 5 fi 971 ol kan omishamu ta’uu biiroon misooma Qabeenya Beelladaa fi Qurxummii naannichaa Beeksise.

Misooma qabeenya Qurxummii naannicha Ammayyeessuun faayidaa damicharraa argamu guddisuuf hojjetamaa jirachuun ibsameera.

Itti gaafatamaan biiroo misooma Qabeenya Beelladaa fi Qurxummii naannichaa Aadde Kireemi Leelloo TOI’f akka ibsanitti, carraa gaarii sagantaan maddii guutuu uumetti fayyadamuun qabeenya Qurxummii bal’aa naannicha jiru sirnaan misoomsuun faayidaarra oolchuuf  hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru.

Lageen naannichatti argaman, haroowwan, haroo uumaa fi nam-tolcheewwan keessa sanyiiwwan Qurxummii gosa 107  jiraachuusaanii fi waggaatti omishi Qurxummii  toonii kuma 17 ol  argachuuf humni dandeessisu jiraachuu  ibsaniiru.

Haata’u malee waggootan duran turanitti Qaqbeenya Misooma Qurxummii Ammayyeessuun  sirnaan hojiirra akka ooluu  gochuurratti  xiyyeeffannoon kennamuu dhabuusaan qabeenyichi haala barbaadameen osoo hin misoomiin turuu beeksisaniiru.

Yeroo dhihootii asitti sagantaa maaddii guutuun xiyyeeffannoo adda damichaaf kenameen    qabeenyicha sadarkaa barbaadamuun misomsuun faayidaa damichaa guddisuuf   xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jirachuu fi damichaan bu’aan qabatamaan galmaa’aa jiraachuu  eeraniiru.

Bara baajataa darbe qurxummii toonii kuma 4 fi 971 ol misoomsuuf karoorfamee karooraa ol  Qurxummii toonii kuma 4 fi 995  omishuun danda’amuu  kaasuun, bara kanas  Qurxummii toonii  kuma 5 fi  971 omishuuf  karoorfamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015