Tamsaasa Kallatti:

Nageenyi Godina Gujiitti bu’e sochii Hawaasummaa fi Diinagdee saffisiisuuf gargaareera -Abbaa Gadaa Gujii fi Jaarsolii biyyaa

Onkoloolessa 14/2018(TOI)- Nageenyi Godina Gujiitti bu’e sochii Hawaasummaa fi Diinagdee akka saffisiise Abbaan Gadaa Gujii fi Jaarsolii biyyaa ibsan.

Godinichatti qaamoleen hidhatan filannoo nageenyaa fudhatanii leenjii haaromsaa xumuranii gara hawasaatti makamuun saanii ibsameera.

Abbaan Gadaa Gujii Hokkuu Gannaalee Aagaa qabeenya uumamaa naannicha jiran  misoomsuun faayidaamuu fi  sochii Diinagdee saffisiisuuf wal-dhabdeewwan mariin furuu qabna  jedhaniiru.

Beekaas ta’e osoo hin beekiin obbolaawwan karaa dogongoraa hordofan waamicha nagaa Mootummaa fudhatanii gara jireenya nagaatti akka dhufaniif motummaan tattaaffii guddaa taassisaa turuu yaadataniiru. 

Kanaanis hidhattoonni hedduun naannichatti waamicha nagaa mootummaa fudhatanii  hojjetanii jijiiramuuf  gara hawaasaatti makamuusaanii ibsaniiru.

Kunis nageenya naannichaa Cimsuun  sochiin Hawaasummaa fi Diinagdee  akka saffisuuf  gumaacha taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Abbaan Gadaa Gujii Uddeessa Aagaa gamasaaniin,  haaloo dhiisnee waldanda’uu fi walgargaaruun nageenya fi misooman biyyaaf waliin dhabbannee hojjechuu qabna jedhaniiru.

Kanaafis naannoosaaniitti hawaasa gatii nagaa barsiisuu fi qaamoleen hidhatanis  daandii nagaa filatanii  lammiisaanii misoomaan akka kiisaniif qoodasanii bahaa jiraachuu ibsaniiru.

Qaamolee nageenyaa mootummaa fi hirmaannaa hawaasan nagaa fi tas-gabbiin cimaa waan dhufeef sochiin Hawaasummaa fi Diinagdee naannichaa  saffisaa dhufuusaa kaasaniiru.

Waamicha nagaa mootummaa fi Gorsa Abbootii fudhatanii Hidhattoota gara Hawaasatti makamaniif galanni isaaniif  mala jedhaniiru.

Kan biroon Abbaa Gadaa fi Jaarsi biyyaa Annoolee Noottoo naannichatti nageenyi waaraan akka bu’uu fi misoomni akka saffisuuf qoodasaanii bahaa jiraachuu dubbataniiru.

Hawaasa  naannichaa  barbaachisummaa nageenyaa fi rakkoowwan mariin furuurratti   barsiisuurraa eegalee  nageenya fulla’aaf mootummaa waliin walitti dhiheenyaaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi nageenyaa Godinichaa obbo Boggee Taaffasaa  gamasaaniin, Mootummaan waldhabbiiwwan mariin akka furamaniif waamicha nagaa deddeebi’ee taassisaa turuusaa fi har’as ittii fufuu yaadachiisaniiru. 

Kana cinaatti Abbootiin Gadaa, Abbootiin Amantaa, Jaarsoliin biyyaa fi hawaasni Godinichaa  kan hirmaachise waamichi nagaa taasifamaa turuu dubbataniiru.

Kaanis hidhattoonni 200 olii fi hoggantoonni isaanii sagal waamicha nagaa mootummaan taasise fudhachuun  leenjii haaromsaa fudhatanii gara hawaaaatti makamuusaanii ibsaniiru.

Yeroo dhihoos hidhattoonni biroon waamicha nagaa fudhatanii hawaasa miidhan  kiisuuf leenjii  haaromsaa  fudhachaa jirachuusaanii dubbataniiru.

Yeroo ammaa Godinichatti nagaa fi tasggabbiin waan uumameef misoomni hunda galeessii fi sochiin hawaasummaa saffisaa jiraachuu  dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015