Daldaltoota gocha seeraan alaa raawwatan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatame - ENA Afaan Oromoo
Daldaltoota gocha seeraan alaa raawwatan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatame
Onkoloolessa 14/2018 (TOI)-Daldaltoota Sochii daldalaa seeraan alaa raawwachuunsaanii mirkanaa’e 785 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuusaa ministeerri daldalaa fii walitti hidhamiinsa riijinii beeksise.
Ministeerichatti dursaan hojii raawwachiisaa daldala biyya keessaa Liiquu Banabbaruu TOI gaaffii fi deebii taasisaniin,to’annaan daldala seeraan alaarratti taasifamuu fi tarkaanfiin fudhatamu cimee akka itti fufu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Kurmaana jalqabaa bara bajataa kanatti gochoota seeraan alaa gatii dabaluu fi daldala seeraan alaan raawwataman irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf daldaltoota 780 irratti dinniina barreeffamaa, eyyama daldalaa dhoruu fi haquu akkasumas daldaltoota shan irratti akkaataa seeraatiin tarkaanfiin hidhaa fudhatamuu mirkaneessaniiru.
Haala wal fakkaatuun adabbiin birrii miiliyoona 3 tuqaa 5 fudhatamuu beeksisaniiru.
Gochoota seeraan alaa hojii daldalaarratti mul’atan qolachuuf kan gargaaru karoorri qophaa’ee hojiitti galamuu dubbataniiru.
Haala Kanaan sirreeffama mindaa mootummaan taasise akkasumas ayyaanota golgachuun qaala’insi gatii akka hin mudanne hojiin to’annaa qindoominaan hojjetamuu fi kunis cimee akka itti fufu dubbataniiru.
Kanaaf sirna to’annaa cimaadhaan tarkaanfiin akka fudhatamuhooggantoota biiroo daldalaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa hundaaf kallattiin kennamee xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru mirkaneessaniiru.
Qaamoleen sadarkaan jiran humna waloo gabaa tasgabbeessuu fi daldala seeraan alaa to’atu hundeesanii hojjechaa akka jiran beeksisaniiru.
Hawaasni daldalaa karaa seera qabeessa mootummaan kaa’een qofa akka hojjetu, hawaasnis sochi daldalaa seeraan alaa wayita argu eeruu taasisuun daldala haqa qabeessaaf deeggarsa akka godhu dhaamaniiru.