Naannoo Oromiyaatti bakkeewwan hawata Turiizimii misoomsuu fi beeksisuurra darbee madda galii dhaabbataa taassissuuf cimanii itti fufaniiru. - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti bakkeewwan hawata Turiizimii misoomsuu fi beeksisuurra darbee madda galii dhaabbataa taassissuuf cimanii itti fufaniiru.
Onkoloolessa14/2018(TOI)- Naannoo Oromiyaatti bakkeewwan hawata Turiizimii misoomsuu fi beeksisuurra darbee madda galii dhaabbataa taassissuuf hojiileen hojjetaman cimanii itti fufuusaanii Biiroon Aadaa fi Turizimii Naannichaa beeksise.
Biirichatti Daarekterri misooma Tuurizimii fi Piromooshinii Fantaahun Taaddasaa TOI’f akka dubbatanitti waggoottan jijiiramaa asitti naannichatti bakkeewwan Tuuristii babal’isuuf hojiin qabeenya Tuurizimii adda baasuu, misoomsuu fi beeksisuu bal’inaan hojjetamaa jira.
Kanaanis naannichatti toora Tuurizimii adda baasuun haala qabiyyee fiakaakuu isaaniin hawaasaa naannoo fi qooda fudhattoota hirmaachisuun hojiiwwan raawwataman jiraachuusaanii ibsaniiru.
Sochii taasifameenis misoomicha saffisiisuun olitti turtiinTuuristotaa akka dheeratu taassisuuf bu’aan guddaan argamaa jiraachuu dubbataniiru.
Bara baajataa 2017/18tti tokkoo tokkoo Aanaatti bakka turizimii tokko tokko adda baasuun haala Innisheetifichaan misoomaa jiraachuu kaasuun kanaanis bu’aan fooya’aan argamuu kaasaniiru.
Damicha guddisuun madda galii dhaabbataa taassisuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu eeruun uummanni kaka’umsa mataasan hojjechaa akka jiru eeraniiru.
Damichi misooma babal’isuurra darbee lammiilee hedduu fayyadamoo carraa hojii taassisuun madda galii dhaabbataa akka qabaataniif hojjetamaa jira jedhaniiru.
Haroo danbal, Abijaattaa shaalaa, bakka bashannanaa Laangaanoo misoomsuurra darbee beeksisuurratti hojiin bal’aan hojjetamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Iluu Abbaaboorii fi naannoosheetti waggoottan lamaan darban qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoomuun hojii hojjetameen bu’uuraaleen misoomaa Fincaa’aa Soor guutamanii tajaajila kennaa jiraachuu eeraniiru.
Hojii misooma babal’isuun Hawaasni naannichaa Dinagdeen fayyadamoo ta’uurra darbee jireenya hasaasummaaf qooda guddaa gumaachaa jira jedhaniiru.
Fuuldurattis damicha cimsuun bu’aa fooyya’aa fiduuf qindoominaan akka hojjetan dubbataniiru.
Deeggarsa Mootummaa Federaalaan kan misoomaan Haroo Wancii, Gaarreen Baalee dabalatee Holqi Soof Umar bakkeewwan Turizimii damee Tuurizimii Naannichaaf humna guddaa dabaluusaanii Daarekteerichi ibnsaniiru.