Pirojektoota fudhatamummaa Itiyoophiyaa Addunyaarratti caalaatti guddisan - ENA Afaan Oromoo
Pirojektoota fudhatamummaa Itiyoophiyaa Addunyaarratti caalaatti guddisan
Onkoloolessa14/2018(TOI)- Meeggaa Pirojektootnni Itiyoophiyaan eebbisiistee, eegaltee fi fuulduratti eegaluuf karoorsite Ardiirra darbee sadarkaa Idil-Addunyaatti fudhatamummaa qabdu ni guddisa.
Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha dhiheenya Eebbisiifte dabalatee bu’aawwan meeggaa pirojektoota Itiyoophiyaan ijaaraa jirtuu fi ijaaruuf karoorsite biyyarra darbee biyyoota ollaafis ta’uusaa barsiisaan Dippilomaasii fi Quunnamtii Idil-Addunyaa Indaalaa Nugusee dubbatan.
Itiyoophiyaan imala walxaxaa hedduu keessa darbuun Hidha Haaromsa guddicha dhugoomsite kana booda gufuun ishee dhaabu akka hin jirre agarsiistuu ta’uusaa eeraniiru.
Milkaa’inni kun Itiyoophiyaan Meeggaa pirojektii biroo hojjechuu akka dandeessu kaka’umsa kan uumudha jechuun ibsaniiru.
Waarshaa boba’aa, Xaa’oo, Pilaanteeshinii Niikuleeraa fi meeggaa pirojektoonni biroon Itiyoophiyaan Anniisaa qofaan osoo hin ta’iin dameewwan Diinagdee hedduun Badhaadhina Afriikaaf kan dhimmitu ta’uu kan agarsiisanidha.
Itiyoophiyaan Imalarra jirti, imala kanarraa kan kan ishee dhaabu hin jiru, koloneeffattoota injifattee bilisummaa imaammata baasaa akkasumas hojiirra oolchaa miira ni danda’amaan idileessaa jiraachuushee ragaa ta’uu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan yoo badhaatu dura uummatashee achiiraan booda Ollaanshee fayyadamoo akka ta’an kaasanii, haala Kanaan fedhii misooma Itiyoophiyaaf tokkummaan dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Baay’inni Meeggaa Pirojektootaa sadarkaa biyyoolessaatti humna dhiibbaa uumuushee akka guddisu eeruun, hiyyummaa balleessuuf qooda olaanaa akka gumaachu Ardichatti akkasumas waltajjii Addunyaarratti humna guutuun hojjechuuf ni gargaara jedhaniiru.
Hidhi haaromsa Itiyoophiyaa guddummaa biyyaa ol kaasuu ibsuun, meeggaa pirojektoonni eegalamanii fi fuuldurattis hojjetaman haala ilaalcha Itiyoophiyaa guddisu jedhaniiru.
Dinagdee Itiyoophiyaan eegalte, dippiloomaasii siyaasaa fi uummataa, guddummaa fi dandeettii raawwachuushee saffisiisuun fudhatamummaashee caalaatti akka guddisu hubachiisaniiru.