Tamsaasa Kallatti:

Foramiin Xaanaa Magaalaa Baahir Daaritti  gaggeeffamuu eegale

Onkoloolessa14/2018(TOI)-Fooramiin Xaanaa 11ffaan  Magaalaa Baahir Daaritti  gaggeeffamuu eegaleera.

Har’a Onkoloolessa 14 hanga 16 bara 2018tti kan turu foramiin Xaanaa 11ffaan Magaalaa Baahirdaaritti eegaleera.

Fooramicharratti Ministirri dhimma Alaa Dr.Geediyoon Ximootiwoos,  Bulchaa Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa Dabalatee Qondaaltonni Biyyoota Afriikaa, Addunyaa fi   Qondaaltonni hojii ardii  argamaniiru.

Fooramiin Xaanaa  mataduree “Afriikaan sirna addunyaa Jijijjiiramaa keessatti” jedhuun  Magaalaa Baahir Daarii fi Finfinneetti dhimma nageenya Afriikaarratti guyyoota sadiif kan mari’atan ta’a.

Hoggantoonni Biyyoota Afriikaa fi ogeeyyiin hirmaatan dhimma nageenya Afriikaa fi furmaata Afriikaarratti Muuxannoo fi beekumsa isanii akka qoodan qaama sagantaa fooramichaa eegamaa jiruuti.

Fooramicharratti hoggantonnii fi  sadarkaa Ministiroota Dhimma Alaatti, sadarkaa Ergamtoota addaa  Ardii fi  dhaabbilee Idil Addunyaatti mariin ni gaggeeffama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015