Wixinee Immaammata Tuurizimii bakkeewwan Tuurizimii babal’isuun guddina damichaa Itti fufusiisuuf qooda guddaa qaba-Ministeera Tuurizimii - ENA Afaan Oromoo
Wixinee Immaammata Tuurizimii bakkeewwan Tuurizimii babal’isuun guddina damichaa Itti fufusiisuuf qooda guddaa qaba-Ministeera Tuurizimii
Onkoloolessa 14/2018(TOI)-Wixineen Imaammata Turizimii Bifa haaraan qophaa’ee barana mirkanaa’u bakkeewwan Tuurizimii babal’isuun guddina damichaa itti fufsiisuuf qooda guddaa akka qabaatu De’eetaan Ministira Turiizimii Silashii Girmaa ibsan.
Qophiin Wixinee Immaammata Turizimii xumuramee akka mirkanaa’uuf qaama dhimmi ilaallatuuf ergamuusaa ibsaniiru.
Itiyoophiyaa damee Turiizimiin Biyyoota Adduyaarraa dursa kan ishii taassisan qabeenya Tuuriizimii seenaa qabeessa, kan uumamaa, fi namtolchee hedduu akka qabdu ni beekama.
Turizimiin Utubaawwan Dinagdee biyyattii shan keessaa tokko ta’uu kaasuun, imaammata damichi ittiin gaggeeffamu Kanaan wal simatee akka deemuuf fooyya’insi taassifamaa jira.
Wixineen Imaammata turizimii haaraan haala idil addunyaa damee Kanaan jiran bu’uureffachuun kan qophaa’e yoo ta’u bakkeewwan turizimii Afriikaa keessaa Itiyoophiyaa ishee tokko taasisuuf karoorfameera.
De’eetaan Ministira Turiizimii Silashii Girmaa TOI waliin turtii taasisaaniin akka jedhanitti, jijiiramicha hordofee damee Turiizimiitiif Xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojiiwwan hedduun raawwatamaa jiru.
Bakkeewwan biyyattii adda addaatti bakkeewwan Hawata Turiizimii fi bu’uuraaleen misoomaa hedduun ijaaramuusaanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Hojichi damee Turiizimiif Kaka’umsa guddaa uumuun bu’aan boonsaan galmaa’uu kan ibsan De’eetaan Ministiraa kun bara baajatichaatti caalaatti bu’aa qabeessa ta’uuf xiyyeeffannoon kennamu dubbataniiru.
Imaammata Turiizimii Haaraa hojiirra oolchuun guddina Turiizimii caalaatti itti fufsiisuun karoora guddaa bara baajatichaa ta’uu hubachiisaniiru.
Yeroo ammaa Qophiin Wixinee Immaammata Turizimii xumuramee akka mirkaneessuuf qaama dhimmi ilaallatuuf darbuu beeksisaniiru.
Bara baajatichaatti bakkeewwan Tuurizimii hedduun xumuramuun tajaajilaaf banaa akka ta’an Obbo Silashiin dubbataniiru.
Yeroo ammaa Laalibaalaa, Gadaamaatii Xaanaa, dagaa Isxifaanositti, paarkii biyyoolessaa gaarreewwan Baalee fi Diree Dawaatti misoomni bakkeewwan Turiizimii raawwatamaa jira jedhaniiru.
Dabalataanis Magaalaa Finfinnee fi bakkeewwan biyyittii adda addaatti ijaarsi gidduugala odeeffannoo Turiizimii eegalamuu ibsaniiru.
Bara baajatichaatti Naannoolee Hedduutti ijaarsi bakkeewwan Turistii cimee akka itti fufu beeksisaniiru.
Biyyoota Addunyaa adda addaarraa maqaa gaarii Itiyoophiyaa kan ijaaranii fi kan beeksisan hojiin maqaa gaarii biyyaa beeksisuu xiyyeeffannoon akka hojjetaman De’eetaan Ministiraa kun dubbataniiru.