Piriimar Liigii Itiyoophiyaatiin har’a taphoonni afur ni gaggeeffamu - ENA Afaan Oromoo
Piriimar Liigii Itiyoophiyaatiin har’a taphoonni afur ni gaggeeffamu
Onkoloolessa 14/2018 (TOI)- Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torbee lammaffaa olmaa guyyaa lammaffaatiin har’a taphoonni afur ni gaggeeffamu
Magaalaan Arbaa Minci magaalaa Bahaar Daar waliin guyyaa sa’aatii 7tti, Hadiyyaa Hoosaa’inaan Itiyoo Elektiriik waliin guyyaa sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Finfinneetti nitaphatu.
Maqalee 70 Indartaan Machaal waliin guyyaa sa’aatii 9tti, Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa Midiragannat Shiree waliin galgala sa’aatii 12tti Istaadiyeemii Yuunivarsiitii awaasaatti ni taphatu.
Piriimer Liigii Itiyoophiyaatiin kilaboonni 20 ramaddii lamatti qoodamanii taphachaa jiru. Kilaboonni 10 tokkoo tokkoo ramaddii keessatti ni argamu.
Gareewwan ramadii tokkoffaa Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti, gareewwan ramaddii lammaffaa Istaadiyeemii Finfinneetti taphachaa akka jiran odeeffannoon waldaa aksiyoonaa nimul’isa.