Tamsaasa Kallatti:

Foramiin Xaanaa har’a magaalaa Bahaar Daaritti ni eegalama

Onkoloolessa 14/2018(TOI)-Hooggantoota Afriikaa fi qooda fudhattoota dhimmoota nagaa fi tasgabbii Ardiirratti mariisisuun furmaattota fulla’aa qiyyaasuuf akeekamee kan gaggeeffamu waltajjiin nagaa fi tasgabbii Xaanaa 11ffaan har’a magaalaa Bahaar Daaritti ni eegalama.

Jilli biyyoota garagaraa foramii Xaanaa har’a eegalamurratti hirmaachuuf kaleessa Bahaar Daar galuunsaanii ni beekama.

Akkasumas foramichi boruu fi iftaan Finfinneetti akka itti fufu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015