Pirojektiin madda anniisaa qilleensaa Asallaa anniisaa aduurraa maddisiisu gara meeggaa waattii 504tti ni guddisa - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiin madda anniisaa qilleensaa Asallaa anniisaa aduurraa maddisiisu gara meeggaa waattii 504tti ni guddisa
Onkoloolessa 13/2018(TOI)-Pirojektiin madda anniisaa qilleensaa godina Arsii aanaa Hiixosaa gandoota afura waliin gahu maddi anniisaa aduurraa maddisiisu xumuramee hojii wayita eegalu madda anniisaa gara meeggaa waattii 504tti akka guddisu humni elektiriikii Itiyoophiyaa beeksise.
Ijaarsisaa harka 93 kan qaqqabe yoo ta’u pirojektiin kun tarbaayinoota 29 qabu keessaa 23 sakatta’amanii giriidii waliin wal quunnamuunsaanii daarektarri komunikeeshinii humna elektiriikii Itiyoophiyaa Mogos Mokonnon TOI’f ibsaniiru.
Pirojektiin kun meeggaa waattii 100 maddisiisuu akka danda’us dabalanii dubbataniiru.
Gama biraatiinnaannoo Somaaleetti ijaaramaa kan jiru pirojektiin madda anniisaa qilleensaa Ayishaa lammaffaa raawwiinsaa harka 85 tuqaa 6 qaqqabuusaa eeraniiru.
Pirojektichi tarbaayinoota 48 tokkoon tokkoonsaanii meeggaa waattii 2.5 maddisiisan keessaa tarbaayinoonni 32 xumuramanii meeggaa waattii 80 maddisiisaa jiru jedhaniiru.
Tarbaayinoota hafan kan meeggaa waattii 40 maddisiisan 16 dhaabuuf meeshaaleen barbaachisan oomishamaa akka jiran ibsaniiru.
Ijaarsisaa yoo xumuramu meeggaa waattii 120 maddisiisuu akka danda’u daarektarichi dubbataniiru.
Fuulduras maddeen anniisaa qilleensaa babal’isuu fi anniisaa maddu bakka hundatti madaalawaa gochuuf bakkeewwan garagaraa saddetitti odeeffannoon walitti qabamuu dubbataniiru.
Akkaataa odeeffannoo walitti qabameetiin pirojektichi kan baasu ta’uu fi faayinaansii barbaaduun akka hojjetamu eeraniiru.
Itiyoophiyaan qilleensarraa madda giigaa waattii 1 tuqaa 2 ol maddisiisuuf dilbii akka qabdu qorannoowwan dhiheenya gaggeeffaman akka agarsiisan dubbataniiru.