Tamsaasa Kallatti:

Foramiin Xaanaa Boru Magaalaa Bahaar Daariitti ni jalqabama

Onkoloolessa 13/2018(TOI)-Jilli biyyoota garagaraa foramii Xaanaa 11ffaa boru jalqabamurratti hirmaachuuf Bahaardaar gala jiru.

Waltajjiin nagaa fi tasgabbii i Xaanaa 11ffaa hooggantoota Afriikaa fi qooda fudhattoota irratt mariisisuun furmaatilee fulla’aa qiyyaasuuf akeekamee adeemsifamu Onkoloolessa 14 amma 16 bara 2018 Bahaar Daarii fi Finfinneetti  ni gaggeeffama.

Bulchaan naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa, Kantiibaan Bahaar Daarii fi hooggantoonni olaanoo naannichaa biroon garee jilaa kana simataniiru.

Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Ximootiwoos fi de’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Hadaraa Abarraa akkasumas keessummoonni biyyoota garagaraa fooramii Xaanaa 11ffaa nagaa fi tasgabbiirratti mari’atu irratti hirmaachuuf Bahaar Daar galaniiru.

Foramiin Xaanaa boru Onkloolessa 14 irraa eegalee magaalaa Bahaar Daaritti gaggeeffamuu eegala.

Foramiin kun Onkoloolessa 15 fi 16 Finfinneetti akka gaggeeffamu ministeerri dhimma alaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015