Inisheetiiviin Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisoomsuuf jalqabame beekamtii idil addunyaa argate - ENA Afaan Oromoo
Inisheetiiviin Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisoomsuuf jalqabame beekamtii idil addunyaa argate

Onkoloolessa 13/2018(TOI)- Inisheetiiviin Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisoomsuuf jalqabame foramii dinagdee addunyaan beekamtii idil addunyaa argateera.
Beekamtiin kun kan kenname Kiyuubiik Itiyoophiyaa waliin ta’uun magaalaa Harar balfa Pilaastikiirraa bilisoomsuuf hojmaata qindaa’aa jalqabameen bu’aa argameef ta’uu hoogganaan biiroo komunikeeshinii naannoo Hararii Heenook Mulunaa dubbataniiru.
Beekamtiin kun kennamuun duratti magaalaa Harar balfa pilaastikaarraa qulqulleessuun pilaastikoota tajaajila kennan irra deebi’uun faayidaaf oolchuuf haalli dandeessisu jiraachuu gamaaggamamuu eeraniiru.
Inisheetiivichi dubartootaa fi dargaggootaaf carraa hojii uuuusaa gamaaggama Kanaan kaafamuu isaa obbo Heenook dubbataniiru.
Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisa gochuu fi balfa pilaastikii irra deebi’uun fayyadamuun gatii xiqqaan mana jireenyaa ijaaruuf Kiyuubiik Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaa jidduutti akka lakk. Faranjootaatti Ebla 2024 waliigalteen mallatteeffamuu dubbataniiru.
Hojiin eegalaman cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.