Tamsaasa Kallatti:

Gareen Buna Itiyoophiyaa tapha liigichaan injifannoo jalqabaa galmeessise

Onkoloolessa 13/2018 (TOI)-Gareen Buna Itiyoophiyaa sagantaa jalqabaa torban lammaffaa tapha piriimar Liigii Itiyoophiaatiin injifannoo jalqabaa galmeessiseera.

Sagantaa jalqabaa turban lammaffaa piriimar Liigii Itiyoophiyaatiin Bunni Itiyoophiyaa haaraa kan guddate Nagallee Arsii 2 fi 1’n mo’ateera.

Tapha Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameen Abubakar Addaamuu fi Bafiqaaduu Alamaayyoo galchii mo’nnaa galchaniiru.

Gabramasqal Dubbaalee garee Nagallee Arsiif galchii  tokko galcheera.

Akkaataa qabxii kanaatiin Gareen Bunaa liigichaan mo’annaa jalqabaa milkeessaniiru. Nagallee Arsii ammoo tapha liigichaan mo’atamuu jalqabaa keessummeesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015