Tamsaasa Kallatti:

Yaa’ichi murteewwan kenniinsa tajaajilaa damee fayyaa caalaatti bal’isuu dandeessisan kan irratti darbanidha-Dr. Darajjee Dhugumaa

Onkoloolessa 13/2018(TOI)-Yaa’iin waggaa 27ffaa damee fayyaa  murteewwan kenniinsa tajaajilaa damee fayyaa caalaatti bal’isuu dandeessisan kan irratti darban ta’uu de’eetaan ministira Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa ibsan.

De’eetaawwan ministira fayyaa, Biiroon fayyaa naannoo fi hooggantoonni olaanoon yaa’icha ilaalchisuun gareen mari’achaa jiru.

De’eetaan ministira fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa ibsa kennaniin akka dubbatanitti, yaa’iin kun mata duree “Invastimantii fi Innoveeshiniin egeree sirna fayyaa cimaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Hojiiwwan ciccimoo waggoottan darban argaman bal’isuu fi itti fufsiisuu akkasumas rakkoolee xiqqeessuun haala danda’amurratti mariin taasifamuu eeraniiru.

Dhimmoota kenniinsa fayyaa fooyyessanirratti muuxannoo walii qooduunii fi mareen gaggeeffamuu eeraniiru.

Doktar Darajjeen Itti dabaluun, invastimantiiwwan fayyaan lammiilee akka fooyya’u gargaaran maallaqa kennuurratti haala dandeessisan irratti murtoon ni darbu jedhaniiru.  

Tumsa mootummaa fi dhuunfaa cimsuun dhimma yaa’ichaa isa murteessaa ta’uu dubbatanii, qaqqabummaa tajaajila fayyaa damee dhuunfaa hojiileen garagaraa hojjetamaa akka jiran eeraniiru.

Murteewwan sirna faayinaansii damee fayyaan jiru fooyyessuu gargaaran yaa’ii Kanaan akka darban ibsaniiru.

Murtoowwan qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuuf, kenniinsa tajaajila dijitaalaa bal’isuu fi sirna fayyaa Invasumantii fi Innoveeshinii biyyaalessaa egereen deeggaruun akka darban dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015