Tamsaasa Kallatti:

Sosochiiwwan Itiyoophiyaan haa oomishtuu bu’a qabeessummaa industiriiwwanii mirkaneessaa jira

Onkoloolessa 13/2018(TOI)- Sosochiiwwan Itiyoophiyaan haa oomishtuu hudhaalee damee oomishaan jiran furuuf eegalaman bu’a qabeessummaa industiriiwwanii mirkaneessaa jiraachuu af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo ibsan.

Hooggantoonnii fi misoonsonni mana maree bakka bu’oota ummataa korporeeshinii misooma paarkiiwwan industiriitti zoonii dinagdee addaa Boolee Lammii daawwataniiru.

Dabalataanis hooggantoonnii fi miseensonni mana marichaa sochii hojii ‘AM G’ hooldiingis daawwataniiru.

Itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bi’oota ummataa Loomii badhoo, mana maree bakka bu’oota ummataatti de’eetaan ministiraa gargaaraa itti waamamaan mootumma Masarat Hayilee fi miseensonni mana maree saganticharratti hirmataniiru.

Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo wayita kana akka jedhanitti, daawwanichi sochii hojii Industiriiwwanii fi sadarkaa irra jiran ilaaluuf kan akeekamedha jedhaniiru.

Buna galtee itti dabalame gabaa biyya alaaf erguu fi oomisha sibiilaarratti kan hojjetu ‘AM G’ hooldiingis daawwannaan industirii Paarkiitti gaggeesse kun  waamicha ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad miseensota mana maree bakka bu’oota ummataaf dhiheessan bu’uureffachuun ta’uu dubbataniiru.

Namni mul’ata qabu maal uumuu akka danda’u daawwannaa Kanaan argineerra jedhan af-yaa’iin kun.

Hudhaalee damee kanarratti mul’atan furuuf kan eegalame sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu bu’a qabeessummaa Industiriiwwanii mirkaneessaa akka jiru arguusaanii eeraniiru.

Dameen oomishaa sharafa alaa oolchuu fi carraa hojii bal’aa uumuudhaan gumaacha dinagdee olaanaa gumaachaa akka jiru dubbataniiru.

Hojiilee guddina damee kanaa mirkaneessuuf eegalaman cimsuun akka barbaachisu hubachiisanii, kanaaf ammoo manni marichaa deeggarsa barbaachisu akka godhu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015