Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti Buna Qulqullinaa fi baay’inaan  misoomsuuf  hubannaan  kennamaa  jiru adeemsa omishichaa saffisiisuurra darbee fayyadamummaa Diinagdee  guddiseera

Onkoloolessa13/2018(TOI)-Godina Gujiitti Buna Qulqullinaa fi baay’inaan misoomsuuf  hubannaan kenaamaa  jiru adeemsa omishichaa saffisiisuurra darbee fayyadamummaa Diinagdee Qonnaan bulaa guddisuusaa  bulchaan Godinichaa Nagaash Bullaallaa ibsan.

Waltajjiin marii qulqullinaa fi gurgurtaa buna uumamaa irratti Magaalaa Adoolaatti  walitti qabdoota Omisha bunaa, dhiheessitootaa fi daldaltootaa  waliin gaggeefameera.

Waltajjii marii kanarratti Bulchaan Godinichaa Nagaash Bullaallaa akka jedhanitti, Godina Gujiitti Lafti hektaarri kuma 300 ol misooma Bunaan qabameera.

Buna Godinichatti Omishamu sadarkaa qulqullinasaa eegee gabaa gidduugaleesaaf akka dhuhaatuuf omishtootaa fi hirmaattota daldalaaf hojiin hubannaa uumuu raawwatamuu ibsaniiru.

Kunis godinichatti buna baay’inaa fi qulqullinaan omishuuf hubannaan kennamaa jiru   adeemsa omishichaa saffisiisuurra darbee  fayyadamummaa dinagdee qonnaan bulaa guddiseera jedhaniiru.

Fakkeenyaaf Godinichatti waggaa darbe omishini bunaa qulqulluu fi  sadarkaasaa eeggate toonii kuma 56 fi 270 ol gabaa gidduu galeessaaf dhihaachuu yaadachiisaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Daldalaa Godinichaa Areeruu Waaree gamasaaniin, bara baajataa qabame  buna qulqulluu fi sadarkaasaa eeggate toonii kuma 100  ol  gabaa gidduu  galeessaf dhiheesuuf karoorfamee  hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kanaanis Omishaaf, Daldalaa fi  dureeyyiif  omisha walitti qabuu fi  kuusuurratti   qulqullinaaf xiyyeeffannoo akka kennan leenjiin hubnannaa cumsuu kennamaa jiraachuu dubbataniiru.

Adeemsa buna gabaa gidduugaleessaaf dhiheessuuf taassifamu keessatti daldala seeraan alaa to’achuuf qindoominaan hojjetamuusaa kaasaniiru.

Bunni Gujii Beekmtii Idil-addunyaa argachuusaan omishasaa baay’inaa fi qulqullinaan dhiheessuuf kaka’umsa nuuf uumeera kan jedhan immoo godinichatti aanaa Shaakkisootti bakka bu’aa walitti qabaa fi dhiheessaa Buna Daalachoo  Eermiyaas Singaagoo ti.

 Waltajjii mariirratti kan hirmaate qotee bulaa dargaggoo Zalaalam Alamuu gamasaan  misoomaa fi gurgurtaa bunaa saffisiisuuf hubannaan yeroo yerootti kennamu omishicha baay’inaa fi qulqullinaan gabaa gidduu galeessaf dhiheessuun fayyadamaa taassisuu  ibsaniiru.

Xiyyeeffannoon addaa misooma Bunaaf kennameen omishicha baay’inaa fi qulqullinaan omishuuf isaan gargaarruurra darbee daldaltootaa fi dhiheessitoota haarawaa uummachuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015