Hidhi Haaromsaa humna ibsaa qofa osoo hin ta’iin madda Dinagdee guddaa ta’aa dhufeera - ENA Afaan Oromoo
Hidhi Haaromsaa humna ibsaa qofa osoo hin ta’iin madda Dinagdee guddaa ta’aa dhufeera

Onkoloolessa 13/2018(TOI)-Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa humna ibsaa qofa osoo hin ta’iin Haroo Nigaatirratti madda Dinagdee guddaa ta’aa dhufuu itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naanno Oromiyaa Awwaluu Abdii ibsan.
Waajjira Pirezidaantii fi Biiroo koomunikeeshinii Naannoo Oromiyaatiin kan qophaa’e mariin gumii balal 46ffaan mataduree “Hidhi Haaromsaa Abdiirraa gara Ifaa qabatamaatti ” jedhuun hara’a gaggeefamera.
Maricharratti Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naanno Oromiyaa Awwaluu Abdii ibsituu tokkummaa fi waqloomaa Itiyoophiyaanottaa kan ta’e hidhi haaromsa Itiyoophiyaa guddichi Imimmaaniin, dafqaa fi dhiigaan xumuramuu yaadachiisaniiru.
Kanaanis hidhichi bayyanachuu Itiyoophiyaa kan dhugoomse abdiirraa gara ifaa qabatamaatti kan ceessisedha jechuun ibsaniiru.
Hidhi Haaromsaa Guddichi beekumsa Itiyoophiyaanotaan, qabeenyaa fi ciminaan ijaaramee xumuramuun olka’insa Itiyoophiyaanotaaf bu’uura cimaadha jechuun dubbataniiru.
Milkaa’ini Hidhichaa deebii gaaffii dhalooni ammaa ulaa galaanaa argachuuf tattaaffii taassisuuf fakkeenya kan ta’udha jechuun ibsaniiru.
Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi mallattoo tokkummaan fi birmadummaa Itiyoophiyaanotaa ta’uu eeruun, keessumaa yaada Paan Afriikaanizimii kan ta’e miira ni danda’amaa pirojektii haaressuu danda’e ta’uu ibsaniiru.
Sadarkaa Idil Addunyaatti hojii cimaa dippiloomaasiirratti hojjetameen mormiiwwan shiraan guutaman ragaa fi odeeffannoon injifachuun pirojekticha xumnuruun danda’amuu dubbachuun kunis seenessa bishanii Afriikaarra jiru guutummaatti jijjiiree boqonnaa haaraa baneera jedhaniiru.
Ummanni Oromoo Obbolootasaa sabaa fi sablammii waliin ta’uun ijaarsa hidhichaaf qooda olaanaa Taasisuusaa Obbo Awwaluun kaasaniiru.
Ijaarsi Hidha Haaromsaa Annisaa gahaa maddisiisuu qofa osoo hin ta’iin haroon Nigaat naanniichatti uumame madda diinagdee ta’aa dhufuu Itti Aanaan Pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii Dubbataniiru.
Hidhi Haaromsaa humna ibsaa qofa osoo hin ta’iin madda Dinagdee guddaa ta’aa dhufeera
Itti Gaafatamaan Biiroo Koomunikeeshinii Naannichaa obbo Haayiluu Adduyaa, pirojektichi yaadama hindanda’amu jedhu jijiiruun Afriikaa Misoomaaf kakaasuu danda’uu ibsaniiru.
Ijaarsi Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi dhugoomuu kan danda’e hoggansii fi ummanni tattaaffii taassisaniin ta’uu dubbachuun hidhichi ibsituu tokkummaa sab-daneessummaa Itiyoophiyaanotaati jedhaniiru.
Saganticharratti hayyoonni adda addaa kan hirmaatan yoo ta’u qabeenya bishaan Itiyoophiyaarratti barreeffamni qorannoo dhihaatee mariin gaggeeffameera .