Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Industiriiwwan Omishaaf Xiyyeeffannoo  kenneen milka’inoonni galmaa’aa jiru

Onkoloolessa 13/2018(TOI)-Mootummaan Industiriiwwan Omishaaf Xiyyeeffannoo  kenneen   milka’inoonni sadarkaa sadarkaan galmaa’aa jiraachuu De’eetaan  Ministira  Industirii obbo Taarraqany  Bulultaa ibsan.

Hoggantoonnii fi miseensonni  Mana maree bakka bu’oota uummataa koorporeeshinii  misooma  paarkii Industiriitti Zoonii Dinagdee Addaa Boolee Lammii daawwataniiru.

Saganticharratti Afayaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo, Itti Aantuu Afayaa’iin Mana Maree bakka bu’oota Uummataa Loomii Badhoo, Mana Maree bakka bu’oota Uummataatti itti wamaamaa gargaaraa Mootummaa  De’eetaa Ministiraa Masarat Haayilee akkasumas  miseensonni mana Mana Maree argamaniiru.

De’eetaan  Ministira  Industirii  obbo Taarraqany  Bulultaa ibsa daawwattootaaf kennaniin , Inidutiriiwwan omishaa carraa hojii uumuuf akkasumas argamsa sharafa  Alaaf  qooda olaanaa bahaa jiraachuu dubbataniiru.

Waggoottan torban darban xiyyeeffannoo  Mootummaan damichaaf kenneen  milka’inoonni sadarkaa sadarkaan galmaa’uusaanii dubbataniiru.

Sosochii Itiyoophiyaan haa omishtuun hudhaawwan damee  omishaa  bal’inaan furuun danda’amuu dubbataniiru.

Industiriiwwan hedduu sababa adda addaan cufamanii turan sosochii Kanaan gara hojiitti  deebi’uusaanii ibsaniiru.

Dabalataanis dhiheessiin bu’uuraalee misoomaa furamaa jiru  kan jedhan de’eetaan  ministiraa, damichi Dinagdee keessatti qooda dursummaa akka qabaatuuf hirmaannaa gochuu akka qaban hubachiisaniiru.

Mootummaan dorgommii  damichaa guddisuuf kutannoon hojjecha jiraachuu ibsuun, bu’aawwan kana cimsuu fi rakkoowwan furuun furmaata  waaraa kennaa jiraachuu  dubbataniiru.

Hoggantoonnii fi Miseensonni  Mana Maree bakka bu’oota uummataa fuuldurattis industiriuiwwan adda addaa deemanii akka daawwatan ni eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015