Miseensonni Raayyaa Nageenyaa nagaa fi Tasgabbii Naannoosaanii eeguun qoodasanii bahaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Miseensonni Raayyaa Nageenyaa nagaa fi Tasgabbii Naannoosaanii eeguun qoodasanii bahaa jiru

Onkoloolessa 13/2018(TOI)- Miseensonni Raayyaa Nageenyaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun nagaa fi Tasgabbii Naannoosaanii eegsisuun qoodasanii bahaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Biiroo Bulchiinsaa fi nageenyaa Magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa ibsan.
Biiroon Bulchiinsa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinee Ayyaana Damaraa Masqalaa fi Irreecha dabalateetaateewwan adda addaa nagaan akka goolabamaniif miseensota nagenyaa qoodasaanii bahaniif sagantaan beekamtii fi galateeffannaa gaggeesseera.
Itti Gaafatamtuun Biiroo Bulchiinsaa fi nageenyaa Magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa wayita kana, ayyaanota adda baabaayii bara 2018 kabajaman akkasumas taateewwan adda addaa nagaan akka xumuramaniif raayyaan nageenyaa qooda gumaachaniif galateeffataniiru.
Uummanni Abbaa nageenyaa akka ta’uu gochuurratti jiraattonni gurmaa’insa nagaa fi tasagabbii adda addaaratti akka hirmaatan gochuu danda’uu ibsaniiru.
Kanaafis ummanni nagaa fi tasgabbii Magaalichaa mirkanaa’uuf qooda mataasaa bahaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Miseensonni Raayyaa nageenyaa qaamolee nagenyaa biroo waliin ta’uun nagaa fi tasgabbii naannoosaanii eegsisuuf qooda mataasaanii bahaa jiraachuu ibsaniiru.
Taateewwan fuulduratti raawwataman nagaan akka xumuramaniif itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan bahuu akka qaban hubachiisaniiru.
Ajajaan Qajeelcha poolisii waliigalaa Magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw gamasaaniin, Raayyaan nageenyaa qaamolee nageenyaa waliin caalaatti qindoomuun hojii nagaa fi tasgabbii magaalichaa eegsisuu cimsuu akka qaban eeraniiru.
Miseensonni raayyaa nageenyaas taateewwan fuulduratti ta’an rakkoo nageenyaa tokko malee akka raawwatamaniif qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru.