Mootummaan Bulchiinsa Fiisikaalaa cimsuuf qabeenya biyya keessaa walitti qabuu dagaagsuu fi hojiilee caasaa riifoormii furtuu saffisisuuf murannoo qaba -Obbo Ahimad Shidee - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Bulchiinsa Fiisikaalaa cimsuuf qabeenya biyya keessaa walitti qabuu dagaagsuu fi hojiilee caasaa riifoormii furtuu saffisisuuf murannoo qaba -Obbo Ahimad Shidee

Onkoloolessa13/2018(TOI)-Mootummaan Itiyoophiyaa Bulchiinsa Fiisikaalaa cimsuuf dandeettii qabeenya biyya keessaa walitti qabuu cimsuu fi caasaa riifoormii murteessoo saffisisuuf murannoo qabaachuu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shideeibsan.
Jilli Qondaaltota Mootummaa olaanoo Obbo Ahinmad Shideen durfamu Adeemsa Riifoormii Diinagdee fi Hoggantoota Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa waliin hariiroo fuulduraa qaban ilaalchisee Daayrektara olaantuu Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa fi Hoggantoota Dippaartimantii Afrikaa waliin marii’ataniiru.
Marichi A.L.A Oktoobearii 2025 walga’ii wagga garee Baankii Addunyaa fi dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) cinaatti kan gaggeeffame yoo ta’u riifoormii diinagdee itiyoophiyaatti gaggeefamaa jiruu fi tumsa gara fuuladuraa irratti kan xiyyeffatedha.
Jilli Itiyoophiyaa Ministira Maallaqaa Ahimad shideen durfamu Bulchaa Baankii Biyyoooessaa Itiyoophiyaa Dr. Iyoob Takkaallany,Gorsaa olaanaa Dinagdee gooroo Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Takilawaldi Axinaafuu, akkasumsa Amerikaatti ergamaa addaa Itiyoophiyaa fi Ambaasaaddara guutuu Itiyoophiyaa Binnaalfi Andu’aalemii fi qondaaltonni hojii olaanoo biroo kan hammatedha.
Obbo Ahimad Shideen IMF deeggarsa Itiyoophiyaaf taasisaa jiruuf galateeffachuun, Mootummaan Bulchiinsa Fiisikaalaa cimsuuf qabeenya biyya keessaa walitti qabuu guddisuu fi hojiilee caasaa riifoormii murteessoo saffisisuuf murannoo qabaachuu cimsanii ibsaniiru.
Itiyoophiyaan hariiroo yeroo dheeraa (IMF) waliin qabduuf Xiyyeeffannoo guddaa kenniti kan jedhan Minsistirichi, Tasgabbii Dinagdee Gooroof, Carraa hojii uumuu fi jireenya lammiilee fooyyessuurratti hojii riifoormii hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiruu.
Deeggarsi Teeknikaa fi maallaqaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) kaayyoowwan kana milkeessuuf gargaarota ta’anii akka itti fufuaniif Ministirichi ibsaniiru.
Hammattoowwan Diinagdee gaggeeffamaa jiru keessaa tarkaanfiiwwan qaama eegumsa hawaasummaa bal’aa ta’uun ilaalcha Dinagdee Itiyoophiyaa gaarii fi baasiin Hawaasummaa Mootummaa dabaluu ilaalchisee daariktara olaantuu kanaaf ibsa kennaniiru.
Tattaaffii imala Jijjiirama Itiyoophiyaa fi milkaa’inoota guddisuun ka’umsa milkaa’inaa kan ta’an dhimmoota murteessoo hedduu Obbo Ahimad Shidee kan ibsan yoo ta’u, hojiiwwan milkaa’ina kanaas ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Ajandaa Jijiirama Haala qilleensaa caalaatti tarkaanfachiisuuf jijjiirama hala qilleensa dandamachuu fi fulla’aaf (Resilience and Sustainability Facility (RSF) argachuuf fedhii olaanaa qabdu cimsanii kaasaniiru.
Haala bulchiinsa Idaa fi liqaa daldalaa waliin bulchiinsa qabannaa idaa ilaalchisee hoggantoota Hojii IMF ibsa wayitaawaa kan kennan immoo Bulchaa Baankii biyyoolessaa Itiyoophiyaa Dr.Iyoob Takkaallanyi.
Guddinni hanga ammaati argamee kan jajjabeeffamu ta’uu ibsuun adeemsa kana keessatti barbaachisummaa deeggarsa fulla’aa IMF ilaalchisuun cimsanii ibsaniiru.
Daarektarri Olaanan Dhaabbata Maallaqa Adduyaa Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa gamasaaniin Qonaaltonni Hojii olaanoon Itiyoophiyaa Sagantaa Riifoormii IMF taassifamuu fi raawwii cimaa galateeffachuun dinqisiifataniiru.
Itiyoophiyaatti milkaa’inoota Riifoormii gurguddoof beekamtii kennuun, guddinni Dinagdee cimaan galmaa’uusaa, qaala’insi gatii xiqqaachaa jiraachuu eeraniiru.
Humna Dinagdee hunda galeessa Itiyoophiyaa cimsuuf hojii riifoormii mootummaan eegale cimsee akka itti fufuuf hirmaannaan damee dhuunfaa akka cimuuf daarektarri olaantuun kun akka jajjabeessan ibsaniiru.
Jijiirama Dinagdee Itiyoophiyaa fi tattaaffii fulla’aa Sirreeffama Idaa deeggartoota misoomaa gurguddoo waliin dhiheenyatti deeggaruuf dhaabbanni maaggaqa Addunyaa kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.