Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Koriidaraa “DESSU”hundeessuuf waliigalteerra gahame - ENA Afaan Oromoo
Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Koriidaraa “DESSU”hundeessuuf waliigalteerra gahame

Onkoloolessa13/2018(TOI)-Koreen teeknikaa Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Koriidaraa “DESSU” fi waltajjiin Mana Maree Ministirotaa Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Koriidaraa “DESSU”hundeessuuf waliigalteerra gahuun xumuraniiru.
Koreen teeknikaa fi waltajjiin Mana Maree Ministirootaa Jibutii, Itiyoophiyaa, Sudaan Kibbaa fi Yugaandaa kan hammatedha.
Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Koriideraa “DESSU” hundeessuuf Jibuutiitti A.L.A Oktoobari 21-22/25 guyyoota lamaaf marii taassisaa kan ture Koreen teeknikaa fi Manni Maree Ministirotaa Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Koriidaraa hundeessuurratti waliif ganiiru.
Torban lamaa booda Itiyoophiyaatti wal quunnamuun waliigaltee bulchiinsa hundeeffamaa mallatteessuuf waliigaluunii fi qaboo yaa’ii walii galtee mallatteessuun goolabameera.
Koriidarri “DESSU” biyyoota Afur gidduutti Daandii daldala Al-ergee salphaatti walquunnamsiisuun, tajaajila daandii fi Loojistiksiii saffisiisuuf kan kaayyeffatedha.