Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatuu fi hojmaata haqa qabeessa diriirsuun haala mijataa kan uumudha – Buchlituu Alamituu Umood - ENA Afaan Oromoo
Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatuu fi hojmaata haqa qabeessa diriirsuun haala mijataa kan uumudha – Buchlituu Alamituu Umood

Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbisuun lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatuu fi hojmaata haqa qabeessa diriirsuun haala mijataa kan uumu ta’uu bulchituun naannoo Gambeellaa Alamituu Umood ibsan.
Masoob tajaajilli Wiirtuu tokkoo naannoo Gambeellaa qoddaltonni olaanoon federalaa fi nannoo bakka argamanitti har’a eegaleera.
Wayita kana bulchituun naannoo Gambeellaa Alamituu Umood akka dubbatanitti , misoomaa fi guddina naanichatti karoorfame saffisiisuun tajaajila hawaasaaf kennamu si’ataa fi ammayyaa’aa taassisuun barbaachisaadha.
Tajaajila dhaabbilee gidduugala tokkotti kennuuf kan dandeessisu Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo immoo deddeebbii hanbisuun lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatu diriirsuun haala mijataa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Imala dijiitaala Itiyoophiyaaf qooda olaanaa akka qabaatu ibsuun malaammaltummaa fi hojmaata badaa hanbisuurratti faayidaa guddaa waan qabuuf milkaa’inasaaf xiyyeeffannoon akka hojjetamu dubbataniiru.
Saganticharrtti kan argaman Komishineerri Komishinii Sivilsarbvisii Dr.Makuriyaa Haayilee milkaa’inni misoomaa akka biyyaatti argame caalmaatti cimsuun itti fufsiisuuf dandeettii keenya tajaajiloota namarratti xiyyeefatan guddisuu qabna jedhaniiru.
Ijaarsi Hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddicha, gidduugalaawwan hawwata Turiizimii, Misoomni koriidaraa magaalotaa, sagantaa Maaddii guutuu fi milka’inoonni misoomaa biroon ibsituuwwan Bayyanachuu Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru.
Dhiheessii Kenna tajaajila gaariitiin jijiirama bu’uuraa galmeesisuun qormaata ta’ee turuu kaasuun, masoob tajaajila Wiirtuu tokkoo hojiirra oolchuun dandeetti tajaajiloota hawasarratti xiyyeefatanii hojjechuun lammiileef tajaajila si’ataa fi ammayyaa kennuun eegalameera.
Kanaaf Imala badhaadhimaa akka biyyaatti qabame dhugaamsuuf tajaajila lammiileef kennamu ammayeessuun dhimma yeroon gaafatu ta’uu komishinarichi dubbataniiru.
Naannichatti tajaajilli hawaasaaf kennamu hojiin Ammayyeessuu cimee itti fufa kan jedhan immoo Itti Gaafatamaa Biiroo Pabilik sarvisii fi misoona namaa naannichaa Laakider laakiibaak dha.
Sadarkaa naannootti masoob tajaajila Wiirtuu tokkoo eegalame bulchiinsa magaalaa gambeellaattii fi caasaalee godinaattis hojiin babal’isuu cimee itti fufa jedhaniiru.
Sadarkaa naannootti har’a kan eegale Masoob tajaajila wiirtuu tokko dhaabbileen 8 dameelee 29n ta’uu saganticharraa hubatamuun danda’ameera