Ayyaanni Sabaa fi Sab-lammootaa tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti haala cimsuun ni Kabajama. – Mana Maree Federeeshinii - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Sabaa fi Sab-lammootaa tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti haala cimsuun ni Kabajama. – Mana Maree Federeeshinii

Onkoloolessa 12/2018(TOI)-Ayyaanni sabaa fi sab-lammootaa 20ffaan bara kanaa tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti haala cimsuun akka Kabajamu Manni Maree Federeshinii ibse.
Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sab-lammoota Itiyoophiyaa 20ffaa ilaalchisuun hoggantoonni dhaabbilee Barnootaa Ayyaanicharratti hubannaa akka argataniif waltajjiin marii Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Itti Aanaan waajjira Mana Maree Federeeshinii Obbo Balaayi Wuddishaa wayita kana akka ibsanitti, biyya ijaaruu fi guddisuuf hedduumina sirnaan qabachuu fi keessummeessuun qabna jedhaniiru.
Guyyaan Ayyaana sabaa fi sablammootaa fi taatteewwan biroon tokkummaa cimsan keessummeessuun hedduumminaa fi tokkummaa sabdaneessummaa Sirnaan Idileessuuf faayidaa guddaa qabaachuu dubbataniiru.
Ayyaanicha waggaa waggaan kabajuu qofa osoo hin ta’iin Lammiileen Barsiisa Heeraarratti hubannaa seera qabeessa akka argataniif hojiiwwan adda addaa raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Waggoottan darban barsiisa Federaalisimii fi HeeraMootummaarratti xiyyeefatamanii hojiiwwanhojjetamaniin ittifufiinsa misoomaa fi guddina biyyaarratti, tokkummaa sab-daneeessummaa fi tokkummaa biyyaa cimsuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu eraniiru.Ayyaanni Sabaa fi sablammoota yeroo 20ffaa bara kana kabajamu tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti cimsuuf bal’inaan kan hojjetamu ta’uu ibsanaiiru.
Akkasumas Barsiifata Federaalizimii fi Heera Mootummaarratti lammiileef hubannaa fooyya’aa uumuuf haala dandeessisuun akka kabajamu dubbataniiru.
Ayaanicha haala karoorfameen kabajuun akka danda’amuuf hayyoonni, hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jiran fi qoda fudhattoonni qooda isaan irraa eegamu akka bahan hubachiisaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Ministeera Barnoota Obbo Geetaachoo Tafarraa gamasaaniin, dhaabbilee olaanoorraa eegalee hoggantoonnii fi ogeeyyiin sadarkaa sadarkaan jiran adeemsa ayyaanicha kabajuuf taassifamu keessatti hubannaan akka guddatu taassifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kunis Lammiileen dhaabbilee barnootaa keessatti argaman Federaalizimii fi barsiifata Heera Mootummaarratti hubannaa gahaa qabatanii tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf akka tattaafataniif ni gargaara jedhaniiru.
Guyyaan Ayyaana sabaa fi sablammoota Itiyoophiyaa 20ffaan qopheessummaa Naannoo Gidduugaleeessa Itiyoophiyaan akka kabajamu ibsamuun ni yaadatama.