Buna qulqullinasaa eeggate misoomsuuf bal’inaan hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Buna qulqullinasaa eeggate misoomsuuf bal’inaan hojjetamaa jira

Onkoloolessa 12/2018(TOI)-Buna Qulqullina qabu oomishuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf bal’inaan hojjetamaa akka jiru naannoleen Oromiyaa fi kibba Lixa Itiyoophiyaa ibsan.
Oomishoota damee qonnaatiin guddina dinagdee biyyaaf qooda olaanaa bahaa jiran keessaa Bunni isa tokkodha.
Itiyoophiyaan Buna biyya alaatti erguun sharafa biyya alaa guddaa akka argattu dandeettii uumaa akka jiru ni beekama.
Itti aanaan biiroo qonnaa Oromiyaa fi hoogganaan damee bunaa fi muduraa Mahaammad Saanii naannichatti hojiin misooma bunaa bal’inaan gaggeeffamaa akka jiru dubbataniiru.
Gumaacha bunni misooma Bunaaf qabu sirnaan itti fayyadamuuf oomishaa fi oomishtummaa Bunaa guddisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Biqiltuu Bunaa dulloome haaraan bakka buusuun, teeknooloojiiwwan oomishtummaa Bunaaf gargaaran faayidaarra oolchuun, biqiltuuwwan Bunaa filataman qoddaan bulaaf raabsuu dabalatee hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Abbaa Taayitaa bunaa fi Shaayee naannoo Kibba Lixaa Itiyoophiyaatti ogeessi olaanaa misooma Bunaa fi Shaayee Kaasaahun Taayyee, hojiilee damee bunaa naannichatti hojjetaman bu’a qabeessa gochuuf adeemsa oomisha bunaaf kunuunsi barbaachisu taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hojiilee hojjetamaa jiran keessaa biqiltuuwwan Bunaa firii kennuu dhaaban kan biraan bakka buusuu, sanyii Bunaa filatamoo dhaabbilee qorannoo waliin qindaa’uun qonnaan bulaa akka qaqqabu gochuun akka keessatti argamu ibsaniiru.
Dabalataanis biqiltuun Bunaa bal’inaan akka qophaa’u gochuun fayyadamtootaaf dhihaachaa akka jiru dabalanii dubbataniiru.