Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Beniishaangul Gumuzitti baatiiwwan sadan darban Hojiin Misoomaa fi Bulchiinsa Gaarii bu’aa qabeessi raawatameera-Bulchaa Ashaadlii Hasan

Onkoloolessa12/2018(TOI)-Naannoo Beniishaangul Gumuzitti baara baajatichaatti  baatiiwwan sadan darbanitti hojiiwwan misoomaa fi Bulchiinsa gaarii bu’aa qabeessa ta’an  raawwatamuusaanii Bulchaan Naaannichaa Ashaadlii Hasan beeksisan.

 Naannichatti raawwii  karoora  bara baajataa 2018  kurmaana jalqabaa bakka hoggantoonni olaannoon naannichaa argmanitti gamaggamaa jira.

Waltajjii gamaggamaa kanarratti Bulchaan Naaannichaa Ashaadlii Hasan akka dubbatanitti, kurmaana jalqabaan sosochiin Barnootaa bal’inaan kan hojjetame,  tajaajilli tola ooltummaa gannaa fi hojiin Qonnaa bal’inaan kan hojjetameedha jedhaniiru.

 Gaaffiiwwan Bulchiinsa gaarii hawaasni kaasu furuuf Tajaaajila Wiirtuu tokkoo Masoob yeroo gabaabaa keessatti  gara  hojiitti  akka galamuu taassifamuu fi  tajaajila Dijiitaalaan deeggarame kennaa jira jedhaniiru.

Kurmaana jalqabaatti damee Albuudaa misoomsuuf hojii qindoominaa hojjetamaa jiruun warqiin kiiloo giraama kuma 1 fi 709  Baankii biyyoolessaatti galuu ibsaniiru.

Bara baajatichaa kurmaana jalqabaatti hojiiwwan hojjetamaniin hojmaatni Qindoominaa  bu’aa qabeessi waan raawwatameef  ta’uu  dubbataniiru.

Bara baajatichaatti gabaasni  raawwiin  karoora kurmaana tokkoffaa  itti gaafatamaa karooraa fi Misoomaa naannichaa Qaasim Ibiraahimiin kan dhihaate yoo ta’u,  gabaasicharratti gaaffii fi mariin ni gaggeeffama jedhamee eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015