Tamsaasa Kallatti:

Godina Harargee Lixaatti ijaarsi Hidha gidduu galeessi tajaajila Qonnaa fi Bishaan dhugaatii horiif oolu eegalame

Onkoloolessa 12/2018(TOI)-Godina Harargee Lixaa Aanaa Daaroo Labuutti birrii miiliyoona 140n ijaarsi Hidha gidduu galeessaa tajaajila Qonnaa fi Bishaan dhugaatii horiif oolu eegalamuu Waajjirri Jallisii fi Horsiisee Bulaa Godinichaa beeksise.

Godinichatti hanga ammaatti pirojektoonni jallisii ijaarsisaanii xumuramee hojii eegalan maatiiwwan kuma 4 ol ta’aniif tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Waajjirichatti dursaan garee to’annoo Bulchiinsa Ijaarsaa kontiraataa Obbo Abdii Mahaammad akka jedhanitti, bara kana Aanaa Daaroo Labuutti pirojektoota jallisii giddu galeessa ijaarsisaanii eegalame tajaajila Qonnaa fi bishaan dhugaatii horiif kan ooludha.


 

Pirojekticha turtii yeroo waggaa tokko keesstti xumuruun tajaajila akka kennuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsuun, pirojektichi tajaajila yeroo eegalu Qonnaan Bultootaa fi Horsiisee Buloota Aanichaaf tajaajila kennuu akka danda’u ibsameera.

Dabalataanis lafa hektaara 160 ol Jallisiin misoomsuun babal’ina Misooma Qonnaaf qooda akka gumaachu hubachiisaniiru.

Godinichatti Aanaa Gumbii Bordoddee fi Burqaa Diimtuutti waggoottan shanan darbanii asitti pirojektoota jallisii 4 eegalaman keessaa sadii xumuramanii tajaajila kennuu eegaluusaanii dubbataniiru.

Pirojektoonni jallisii kun namoota kuma 4 ol aanicha keessa jiraatan fayyadamoo taassisuu ibsaniiru.


 

Pirojektiin Gololchaa fi kenteerii Aanaa Gumbii bordoddeetti ijaarame lafa hektaara kuma 2 fi 300 ol irratti jallisii misoomsuu kan dandeessisu ta’uu ibsuun kanaanis horsiisee bultoonni hojii Qonnaarratti bal’inaan bobba’uu eegaluusaanii ibsaniru.

Aanaa Gumbii bordoddeetti jiraataan ganda Gololchaa horsiisee bulaa Mahaammad Muussaa yaada kennaniin, Hidhi Jallisii Gololchaa horiinsaanii dhiheenyatti bishaan akka argatan isaan dandeessisuu dubbaataniiru.


 

“Ammaan dura bishaan dhugaatii horiif barbaacha karaa fagoo deemaa turre” kan jedhan horsiisee bulaan kun, mootummaan rakkoo dhiheessii bishaanii ammaan dura ture furuusaaf gammachuun itti dhagahamuu ibsaniirui.

Ijaarsichi nyaata beeyladaa dabalatee hojiin Qonnaa akka babal’atuuf carraa akka isaaniif uume kan dubbatan immoo horsiisee bulaa biroo kadir sayidi.

Hojii Qonnaarratti bobba’anii jireenyasaanii fooyyessuuf gara hojiitti galuusaanii dubbataniiru


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015