Tamsaasa Kallatti:

Manni maree naannoo Hararii yaa’ii ariifachiisaa gaggeesseen muudama pirezidaantii mana murtii walii gala naannichaa raggaase

Onkoloolessa 12/2018 (TOI) - Manni maree naannoo Hararii yaa’ii ariifachiisaawaggaa 5ffaa marsaa 6ffaa gaggeesseen muudama pirezidaantii mana murtii walii gala naannichaa raggaase

Bulchaan naannichaa Ordiin Badriii Obbo SalahiddiinToofiiq pirezidaantii mana murtii walii gala naannichaa ta’uun akka muudaman kaadhimamaa gochuuf yaa’ii ariifachiisaa kana irratti dhiheessaniiru.

Haala Kanaan kaadhimamaa ta’uun kan dhihaatan obbo Salahiddiin Toofiiq, pirezidaantii mana murtii walii gala naannichaa ta’uun akka hojjetan manni maree sagalee guutuun raggaaseera.

Obbo Salahiddiin Toofiiq miseensota mana maree fuulduratti waadaa galaniiru.

Yaa’iin ariifachiisaa mana maree waggaa 5ffaa marsaa 6ffaa xumurameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015