Buufataalee boba’aa gocha seeraana alaa raawwatanii argamanirratti tarkaanfiin fudhatame - ENA Afaan Oromoo
Buufataalee boba’aa gocha seeraana alaa raawwatanii argamanirratti tarkaanfiin fudhatame

Onkoloolessa 12/2018 (TOI)-Kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018 gurgurtaa fi raabsaa boba’aan wal qabatee buufataalee boba’aa gocha seeraan alaa raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatamuuabbaan taayitaa boba’aa fi inarjii beeksise.
Haala Kanaan, buufataalee boba’aa gurgurtaan dijitaalaan raawwatan dhibbantaa 50 gadi ta’e 354 irratti akkaataa labsichaatiin tarkaanfiin fudhatamuusaa hojii raawwachiiftuun hariiroo ummataa fi komunikeeshinii abbaa taayitichaa Baqqalech Kumaa TOI’f ibsaniiru.
Akkasumas kaampaaniiwwan boba’aa raabsan kan gurgurtaan dijitaalaan raawwatan xiqqaa ta’e jaha irratti akkaataa labsichaatiin baatii lamaaf boba’aan akka hin kennamneef taasifamuu eeraniiru.
Gama biraatiin kaammpaaniiwwan gurgurtaan dijitaalaan raawwatan xiqqaa ta’e toorba irratti akkaataa labsichaatiin dinniinni xumuraa kennamuufii eeraniiru.
Naannoo Kibba Lixaa Itiyoophiyaatti buufanni boba’aa tokko boba’aa Barmeeliin waraabuun seeraan ala gurguruuf osoo jedhuu qabamee baatii jahaaf boba’aan akka hinbuuneef dhorkamuu ibsaniiru.
Gama biraan Awutoo Botteen Finfinnee Aqaaqii Qaallitti maaddayaa tokko dhaquun osoo irra jiruu kallattii jijjiiree gara magaalaa biraa deemuusaatiin baatii jahaaf boba’aan akka hin arganne dhorkamuu dubbataniiru.
Karaa wal fakkaatuun Buufanni Boba’aa magaalaa diillaa tokko gatii mootummaan baaseen olitti waan gurgureef boba’aa akka hin arganne siistamaan bilook godhamuu mirkaneessaniiru.
Abbaan taayitaa boba’aa fi Inarjii sirni dhiheessii, raabsii fi to’annoon gurgurtaa boba’aa
Si’ataa, amansiisaa fi qulqullina kan qabu akka ta’u hojmaattota teeknooloojiin deeggaraman cimsuusaa beeksiseera.
Kanneen boba’aa raabsanii fi buufattoonni hundi seera kabajuun hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.