Tamsaasa Kallatti:

Ulaa galaanaa akkuma hidha haaromsaa ummata biyyattii tokkummaan hiriirse

Onkoloolessa 12/2018 (TOI)-Ummatummaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaan mul’ate adeemsa Ulaa galaanaa argachuuf taasifamuunis mul’achuusaa qorataan Saayinsii Siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Yaared Ayyaaloo ibsan.

Ulaan galaanaa mootummoonni darban eeganii Itiyoophiyaa addunyaa waliin walitti fidan, qaamni yeroo tokko ture kan deeggarsa seeraas ta’e ummataa hinqabne ka’umsaa fi hamilee attamiitiin dabarsee akka kenne namaaf hingalu jedhaniiru.

Jaalalli biyya dhabamuurraa kan ka’ee fi Itiyoophiyaan akka hin gudanne fedhii qabaachuurraa kan ka’e ta’uu hin oolu jechuun ibsu Yuunivarsiitii Boongaatti barsiisaa fi qorataan Saayinsii Siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Dr Yaared Ayyaaloo.

Ulaa galaanaa argachuuf dhaloota ammaatiin gaaffiin ka’uunsaa sirrii fi haqa qabeessa ta’uu TOI’f mirkaneessaniiru.

Gaaffiin Ulaa galaanaa akkuma hidha haaromsaa gaaffii ummata Itiyoophiyaa maraati malee kan qaama tokkoo qofa akka hintaane dhimmicharratti miira ummataa hubachuusaanii eeraniiru.

Gaaffiin Ulaa galaanaa Itiyoophiyaanota fayyaduun qofa akka hidaanggeffamne ibsanii, Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa yooqabaatte faayidaansaa Afriikaaf, Jiddugaleessa bahaaf, Awurooppaa fi biyyoota biroofis ta’uu hubachiisaniiru.

Gaaffiin kun sirrii fi haqa qabeessa ta’us karaan ittiin milkaa’u ammoo murteessaa ta’uu ibsanii, rakkoon ollaa kan ofiitis waan ta’eef karaa dippilomaasii nagaatiin ciminaan itti deemuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Kanaaf ammoo bu’ura siyaasaa fi seeraa dabalatee galmeewwan seenaa bu’uureffachuun ollaa irraa eegalee, jiddu galeessa bahaa fi Awurooppaa, biyyootaa fi dhaabbilee dhiibbaa uumaniif hubachiisuu barbaachisa jedhaniiru.

Hawaasni addunyaas ofiif jecha Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa akka argattu deeggaruu akka qabu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015