Tamsaasa Kallatti:

Konkolaattonni gaazii uumamaan hojjetan 150 Chaayinaarraa Itiyoophiyaa galuufi

Onkoloolessa  11/2018(TOI)- Konkolaattonni gaazii uumamaan hojjetan 150 Chaayinaarraa Itiyoophiyaa galuuf akka ta’e ibsame.

Konkolaattota gaazii uumamaan dhangala’aan hojjetan Chaayinaa irraa fichisiisuuf walii galteen mallatteeffameera.

Walii galteen kun foramii daldalaa fi Invastimantii Itiyoo-Chaayinaarratti kan mallattaa’e yoo ta’u, konkolaattonni bara kana hojii eegalu jedhameera.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirojektii gaazii uumamaa dhangala’aa Ogaadeen naannoo Somaalee Kaaluub kan waggaatti liitira miiliyoona 111 oomishuu danda’u kan marsaa jalqabaa ifatti eebbisuun ijaarsa warshaa calaltuu boba’aaf dhagaa bu’uraa kaa’uunsaanii niyaadatama..

Kana hordofuun konkolaattonni fe’isa goggogaa fi dhangala’aa fi ummata deddeebisan kan gaazii uumamaan hojjetan kamiyyuu qaraxa gumuruukirra bilisaan akka galfaman ministeerri maallaqaa eyyamuusaa ibsuunsaa nibeekama.

Kanarratti hundaa’uun Bii’aa’eekaa jeneraal biizinas konkolaattota gaazzii uumamaan hojjetan 150 kaampaanii Chaayinaa Shaakmaan fiduu kan isa dandeessisu waliigaltee mallatteesseera.

Bii’aa’ee’kaa giruup konkolaattota gaazii uumamaa fi elektiriikiin hojjetan fichisiisuurra darbee biyya keessatti suphuuf kan isa dandeessisu warshaa ijaaraa akka jiru hojii raawwachiisaan dhaabbatichaa Mikaa’el Kaasaa ibsaniiru.

Konkolaattonni Gaazii uumamaa fi elektiriikiin hojjetan sharafa alaa oolchuun guddina dinagdee biyyaaf qooda olaanaa akka qaban dubbataniiru.

Hojii raawwachiisaan kaampaanii ShaakmaaMister Jii gamasaaniin, konkolaattonni Gaazii uumaman hojjetan hojiitti galuunsaanii baasii boba’aa fi faalama qilleensaa hir’isuuf qooda olaanaa qabu jedhaniiru.

Konkolaattonni kunneen teeknooloojiin ammayyaa kan maxxanfameef ta’uu eeranii, dhiheenyatti Itiyoophiyaa akka galfaman mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015