Tamsaasa Kallatti:

Tajaajiloota garagaraa tola ooltummaan kennamaniin dhiibbaa jireenyaa harka qalleeyyii hir’isuun danda’ameera-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Onkoloolessa 11/2018(TOI)-Tajaajiloota garagaraa tola ooltummaan kennamaniin dhiibbaa jireenyaa harka qalleeyyii hir’isuun danda’amuusaa Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee  Adaanech Abeebeeibsan.

Sagantaan beekamtii tola ooltotaa bara 2017 gaggeeffamaa jira.

Kantiibaa Adaanech Abeebee saganticharratti akka ibsanitti, mootummaan fayyadama lammiilee haqa qabeessa mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjeteera.

Keesumaa hojiileen misoomaa haala jireenyaa harka qalleeyyii fooyyessan bal’inaan hojjetamuu ibsanii, kana keessatti hirmaannaan hawaasaa olaanaa akka ture ibsaniiru.

Guddina biyyaa fi gaaffii hawaasaa garagaraa hojii mootummaan hojjetuun qofa deebisuun hin danda’amu kan jedhan kantiibaa Adaanech Abeebee sagantaa namarratti xiyyeeffatu kan mootummaan jijjiiramaa boceen hojiileen hammatoo fi hirmaachisaan hojjetamuusaanii dubbataniiru.

Keessumaa yaadama tola ooltummaa ummata qabsiisuun hojiinn hojjetaman faayidaa guddaa akka qaban kaasaniiru.

Tajaajiloota tola ooltummaa dargaggoota tola ooltotaan, ogeeyyota dameelee hojii garagaraa irratti bobba’anii fi dureeyyiin raawwatamaniin lammiilee hedduu fayyadamoo taasisuun danda’ameera jedhan.

Yeroo ammaa tola ooltummaan aadaa ta’aa dhufuurra darbee tokkummaan, waloomnii fi waldeeggaruun hawaasa biratti akka baratamu carraa uumuusaa ibsaniiru.

Lammiileen harka qalleeyyiin tajaajila tola ooltummaan fayyadamaa akka jiran eeraniiru.

Dargaggootaa fi dureeyyii tajaajila tola ooltummaa raawwatan kan galateeffatan yoo ta’u beekamtiin kun hojii fuuldura hojjetaniif kaka’umsa uumuuf kan akeekamedha jedhaniiru.
 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015