Tamsaasa Kallatti:

Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee hooggantoota maallaqaa fi isteet dippartimantii Ameerikaa waliin dhimmoota tumsa dinagdee cimsan irratti mari’atan

Onkoloolessa 11/2018(TOI)-Jilli Itiyoophiyaa ministira maallaqaa Ahimad Shideen durfamu hooggantoota maallaqaa fi isteet dippartimantii Ameerikaa waliin dhimmoota tumsa dinagdee cimsan irratti mari’ataniiru.

Mariin kun kan gaggeeffame walgahii waggaa dhaabbata maallaqaa idil addunyaa (IMF) fi baankii addunyaa cinaatti.

Obbo Ahimad Shidee marii Kanaan haala guddina misoomaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa akkasumas adeemsa hojiirra oolmaa riifoormii dinagdee mandhalee ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa kennaniin mootummaan iftoomina diriirsuuf, bulchiinsa mootummaa cimsuu fi dirree biizinasii fi invastimantii caalaatti cimsuuf kutannoo akka qabu cimsanii kaasaniiru.

Marin kun faayiidaa waloo biyyoota lamaanii kan ta’an jechuun deeggarsa Ameerikaan riifoormii dinagdee Itiyoophiyaaf taasiftu keessumaa karaa baankiiwwan gama hedduu fi dhaabbata maallaqaa addunyaa akkasumas dhimmoota ijoo hariiroo gam-lame daldalaa fi Invastimantiin qaban cimsuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffate akka ture himameera.

Hooggantoonni hojii Ameerikaa gamasaaniin, Ameerikaan bu’a qabeessummaa riifoormii dinagdee Itiyoophiyaaf deeggarsa teekniikaa dabalatee damee dhuunfaatti hirmaachuun akkasumas dhaabbilee maallaqaa addunyaa waliin tumsuun deeggarsa taasiftu akka itti fuftu mirkaneessaniiru.

Qaamoleen lamaan dursi kan kennamuuf dhimmoota dinagdee waloo guddina fulla’aa galmeessisuu dandeessisan irratti marii taasisan cimsanii iti fufuuf walii galaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015