Tamsaasa Kallatti:

Hirmaannaan ummataa marii biyyaalessaa irratti mul’achaa jiruu fi rakkoolee mariin fufuuf fedhiin jiru kan jajamudha-Komishinar Bileen Gabramadin

Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Hirmaannaa fi tumsi ummataa marii biyyaalessaa irratti mul’achaa jiruu akkasumas rakkoolee mariin fufuuf fedhiin jiru kan jajamu ta’uu Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa  Bileen Gabramadin ibsan.

Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa mana mareen hundeeffamee boqonnaa qophiirraa kaasee boqonnaa marii ajandaa walitti qabuurratti argama.

Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Bileen Gabramadin, hojiin marii ajandaa walitti qabuu  amma ammaatti bu’a qabeessummaan raawwatamuu fi galteewwan rakkoolee biyyaalessaa furuu dandeessisan hedduun argamuu ibsaniiru.

Kutaalee Hawaasaa garagaraa mariisisuun milkaa’ina marichaaf qoodasaanii akka bahan gochuun fi ajandaansaanii ka’anii akka irratti mari’atamu akka galteetti fudhatamuu isaanii yaadachiisaniiru.

Deeggarsi qaamolee garagaraa adeemsa mariirratti mul’achaa jiru hirmaannaa fi tumsi ummataa akkasumas rakkoolee mariin furuuf fedhiin jiru kan jajamu ta’uu komishinar Bileen dubbataniiru.

Hojii hirmaattota adda baasuu fi ajandaa walitti qabuurratti hirmaannaan dubartootaa, dargaggootaa, paartilee siyaasaa fi waldaalee siviikii garagaraa hedduu nugargaareera jedhaniiru.

Komishinichi mata duree “qooda dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa marii biyyaalesaa bu’a qabeessaaf” jedhuun naannolee garagaraatti waltajjiiwwan maree gaggeessaa akka jiru nibeekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015