Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaa midhaan bakkeewwan gammoojjii fi badda dareetti walitti qabuuf qaqqaban yeroon walitti qabuun qisaasarraa oolchuuf qophiin taasifameera

Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Midhaan bakkeewwan gammoojjii fi badda dareetti walitti qabuuf qaqqaban yeroon walitti qabuun qisaasarraa oolchuuf qophiin taasifamuusaa biiroon qonnaa Oromiyaa ibse.

Itti aanaan hoogganaa biirichaa obbo Bariisoo Fayyisaa TOI’f akka ibsanitti, oomishaa fi oomishtummaa naannichaa guddisuun wabii nyaataa sadarkaa maatiitti mirkaneessuu fi sirna nyaataa dhugoomsuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Haala Kanaan oomisha gannaa bara 2017/18 lafti heektaara miiliyoona 10 caalu misoomuun kana keessaa heektaarri miiliyoona 3 tuqaa 1 Qamadii ta’uu dubbataniiru.

Hojii kana milkeessuuf qophii oyiruu irraa eegalee amma kunuunsa midhaaniitti ogeeyyotaan deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Keessumaa to’annoon ilbiisaa fi dhukkuba keelloo Qamadiirraa ittisuun qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Midhaan bakkeewwan gammoojjii fi badda dareetti walitti qabuuf  qaqqabaa jiru yeroon walitti qabuun qisaasarraa oolchuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru.

Qisaasa midhaanii hir’isuuf kombaayina dabalatee humna namaa bifa qindaa’een hirmaachisuuf ogeeyyonni qonnaa deeggarsa gochaa jiru jedhaniiru.

Keessumaa rooba yeroo malee roobuun midhaan akka hin miidhamne midhaan walitti qabuuf qaqqabe dafanii kaasuuf kombaayinarri dhiheessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Bakkeewwan mekaanaayizeeshiniif mijataa hin taanetti  maatii fi daboodhaan yeroon akka walitti qabamu tumsi itti fufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015