Naannoo Harariitti hojiiwwan Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan cimsuun itti fufiisuu qabna - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti hojiiwwan Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan cimsuun itti fufiisuu qabna

Onkoloolessa 11/2018(TOI)-Naannoo Harariitti hojiiwwan Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jiran qindoominaan cimsuun itti fufiisuu qabna jechuun ibsan Bulchaan Naannichaa Ordiin Badrii.
Koreen raawwachiiftuu naannichaa waltajjii gamaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2018 gaggeesaa jiru.
Waltajjicha kan saaqan Bulchan Naannichaa Ordiin Badrii akka jedhanitti, naannichatti baatiiwwan sadan darbanitti damee hundaan bu’aan jajjabeessan galmaa’eera.
Keessumaa hojiin misooma fayyadamummaa Jiraattota Magaalaa fi baaddiyaa mirkaneessan bal’inaan raawatamuusaanii dubbataniiru.
Bu’aawwan kana caalaatti itti fufusiisuuf hojii qindoominaa cimsuun itti fufsiisuu qabna kan jedhan bulchaan kun, kanaafis waltajjiin gamaggamaa murteesa ta’uu dubbataniiru.
“Waltajjichi hojiiwwan jajjabeefaman cimsanii itti fuufsiisuu fi hanqinoota argaman immoo furuuf caarraa uuma ” jedhaniiru.
Dhaabbileen hojii hojjetaniin hawaasicha hagam fayyadamoo taassisaniiru kan jedhu gamaggamichaan dhimma xiyyeeffannoon addaa itti kennamu ta’uu eeraniiru.
Waltajjii gamaggamaa Kanaarratti baajata naanichaa kan kurmaana jalqabaa bara 2018 baajata pirojektii kaappitaalaa, faayinaansii fi raawwii hojii biroo gabaasni agarsiisu dhihaatee mariin ni gaggeeffama jedhamee eeggama.
Waltajjii gamaggamaa kanarratti hoggantoonni Nannoo irraa hanga Aanaa Jiranii fi ogeeyyiin hirmaachaa jiru.