Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Hojii Nagenyaa Misoomaa Waliin Wal-qabsiisee raawwachuun Badhaadhina Mirkaneessuuf Hojjii hojjetu ittifufa- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Onkoloolessa 11/2018(TOI)-Mootummaan Hojii Nagenyaa Misoomaa Waliin Wal-qabsiisee raawwachuun Badhaadhina Mirkaneessuuf Hojjii itti jiru cimsee akka itti fufu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad  Hoggantoota durii fi  amma hojiirra jiran  waliin  marii’ataniiru.

Ministirri  Muummee Dr. Abiyyi Ahimad nageenyi bu’uuura misoomaa ta’uu  amanuun   nageenyi akka bu’uuf  hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Nageenyi amma dhufutti caallisnee hin teenyu  naheenyi hanga dhufutti ni misoomsina, filannoon keenya nageenya cimsaa misoomsaa itti fufuudha jechuun dubbataniiru.

Harka tokkoon nageenya eegsisaa isa biroon misoomsuu yoo hin dandeenye nageenya hawwinu  cimsuu fi  fiduu hin dandeenyu jedhaniiru.

Nageenyi misoomaan ala hin cimu  kan jedhan  Ministirri  Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, lammiin hundi misooma biyyasaaf akka tumsu waamicha dhiheessaniiru.

Gama kanaan  dilbii naannichaa baasnee yeroo  fayyadamnuu fi  bu’aan hojii keenyaa yeroo itti ida’amu Itiyoophiyaa baay’ee miidhagdee fi  badhaate arguu dandeenya jedhaniiru  Ministirri Muummee.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015