Misoomni Godina Baaleetti Mul’ate Badhaadhinni Itiyoophiyaa akka hin oolle kan itti argamedha – Obbo Shimallis Abdiisaa - ENA Afaan Oromoo
Misoomni Godina Baaleetti Mul’ate Badhaadhinni Itiyoophiyaa akka hin oolle kan itti argamedha – Obbo Shimallis Abdiisaa

Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Misoomni Godina Baaleetti Argame Badhaadhinni Itiyoophiyaa akka hin oolle kan itti argamedha jechuun ibsan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa.
Obbo Shimallis Abdiisaa naannoo dhokatee fi dagatamee ture bakka dhokatee waan baasaniif Ministira MuummeeDr. Abiyyi Ahimad galateeffataniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad “haasaa soof umar” hoggantoota durii fi Amma hojiirra jiran waliin marii taassisaniiru.
Misoomni Godina Baalaeeti argame Badhaadhinni Itiyoophiyaa kan hin oolle ta’uu kan itti argamedha jechuun dubbataniiru.
Obbo Shimallis Abdiisaa Godinni Baalee yeroo gabaabaa keessatti jijiiramtee arguusaaniitti kka gammadan maricharratti ibsaniiru.
Godinni Baalee osoo hin misoomiin turuusheetti gaabbii akka qaban ibsuun, yeroo ammaa Qonnaan, Turiizimii fi misooma Magaalaan hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu fi kunis Itiyoophiyaaf humna cimaa akka ta’u kaasaniiru.
Naannoon Baalee kan dagatamee fi dhokatte akka ture kan yaadachiisan Obbo Shimallis Abdiisaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad naannawichi akka jijiiramu kutannoo agarsiisaniif galateeffataniiru.
Kunis bakkeewwan naannawichaa biroof bu’uura jabaa kan ta’uu fi hojiiwwan fuulduratti hojjetamaniif humna ta’a jedhaniiru.