Badhaadhina Itiyoophiyaa Mirkaneessuuf Itiyoophiyaanonni Hundi waloon hojjechuu qabu– Ministira MuummeeDr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Badhaadhina Itiyoophiyaa Mirkaneessuuf Itiyoophiyaanonni Hundi waloon hojjechuu qabu– Ministira MuummeeDr. Abiyyi Ahimad

Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Badhaadhina Itiyoophiyaa Mirkaneessuun dhimmaa taattaaffii fi dadhabbii Itiyoophiyaanota hundaa gaafatudha jechuun Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad “Haasaa soofumar”tti hoggantoota durii fi Amma hojiirra jiran waliin marii taassisaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad biyyi dhaloota tokkoon hin hojjetamtu dhaloonni tokko eegalee kan xumuru miti jedhaniiru.
Adduyaa kamirraayyuu kan jiru biyyi kan ijaaramtu walitti daddabarsuuni kan jedhan Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhaloonni eenyummaasaanii kaleessaa, jireenyasaanii har’aa fi booru bu’aa walooti jechuun ibsaniiru.
Eenyuummaa guutuu dhalootaa sirnaan hubachuuf gahumsa biyya ijaaruu fi yaadama akka bal’isus dubbataniiru.
Walharkaa fuudhinsa dhalotaa kana keessatti biyyi ni ijaaramti kan jedhan Ministirri Muummee hunduu yeroo jiraatu keessatti biyyasaaf waan gaarii hawwuurra darbee tattaafachuu, dadhabuu fi hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Badhaadhinni dadhabbii fi hojiin ala hin dhufu, bu’aas arguun hin danda’amu jedhan Ministirri Muummee.
Itiyophiyaanonni hundi badhaadhina abjoonnu fiduuf ciminaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.