Obbo Ahimad Shidee hojii raawwachiisaa olaanaa ‘Afrca’s 50s’ Alaayin Iboobiisee waliin dhimmoota bu’uuraalee Misoomaa diriirsuurratti tumsa qaban cimsuu danda’an irraatti marii’ataniiru - ENA Afaan Oromoo
Obbo Ahimad Shidee hojii raawwachiisaa olaanaa ‘Afrca’s 50s’ Alaayin Iboobiisee waliin dhimmoota bu’uuraalee Misoomaa diriirsuurratti tumsa qaban cimsuu danda’an irraatti marii’ataniiru

Onkoloolessa 10/2018(TOI)-Ministirri maallaqaa Ahimad shidee hojiiraawwachiisaa olaanaa ‘Afrca’s 50s’ Alaayin Iboobiisee waliin dhimmoota bu’uuraalee Misoomaa faayidaa hedduu qaban diriirsuurratti tumsa qaban cimsuu danda’an irraatti marii’ataniiru.
Mariin isaanii kun walgahii waggaa Baankii Addunyaa fi dhaabbata Maallaqaa Addunyaa A.L.A bara 2025 waashingiten Diisiitti gaggeeffamaa jiru cinaatti gaggeeffame.
Wayita kana Obbo Ahimad shidee ijaarsi bu’uuraalee Misoomaa Ajandaa duraa biyyittii ta’uu fi qabeenya pirojektoota faayidaa hedduu qaban irra olchuuf akka ta’e kaasaniiru.
Faayinaansii Kalaqaa fi bu’uuraalee misoomaa diriirsuuf oolu fedhii bal’aa bu’uuraalee misoomaa diriirsuuf jiru guutuuf bay’ee barbaachisaa ta’uu cimsanii kaasaniiru.
Hojii raawwachiisaa olaanaa ‘Afrca’s 50s’ Alaayin Iboobiisee gamasaaniin, Guddinni Dinagdee Itiyoophiyaa fi pirojektoota bu’uuraalee Misoomaa murteessoo walitti hidhaminsa Riijinii saffisiisuu dandeessisan irraatti Mootummaa Itiyoophiyaa waliin dhiheenyaan akka hojjetan mirkaneessaniiru.
‘Afrca’s 50s’ dhaabbata ardii biyyoonni Afriikaa maallaqasaanii ijaarsa bu’uraalee misoomaa guddinasaanii si’achiisuu dandeessisan irratti maallaqa kan gadi lakkisuufidha.