Godinni Baalee qabeenya uumamaa hawattoota hedduu bakka tokkotti qabatedha-ambaasaaddar Naasisee Caalii - ENA Afaan Oromoo
Godinni Baalee qabeenya uumamaa hawattoota hedduu bakka tokkotti qabatedha-ambaasaaddar Naasisee Caalii

Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Godinni Baalee qabeenya uumamaa hawattoota hedduu bakka tokkotti qabatedha jedhan ambaasaaddar Naasisee Caalii.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hooggantoota duraanii fi hojiirra jiran waliin marii taasisaniiru.
Marii kanarratti kan argaman gorsituun ministira muummee dhimmoota tuurizimii ambaasaaddar Naasisee Caalii Itiyoophiyaan guddachuu fi badhaadhuuf kan ishee dandeessisu qabeenya uumamaa hunda akka qabdu akka qabdu ibsaniiru.
Qabeenya uumamaa qabnuun badhaadhuu fi guddaachuu kan qabnu kaleessature garuummoo kutannoon hooggansaa hinturre jedhaniiru.
Yeroo ammaa dhaloonni biyya fooyyofte ijoolleessaatiif dabarsuuf tattaafatu uumamuusaa fi kanaaf ammoo misoomni godina Baalee agarsiiftuu ta’uu eeraniiru.
Humni misoomuuf dandeessisu Baalee keessa akka jiru kaasanii teessumni lafaa qonnaaf mijatu jiraachuusaa kaasuun eeraniiru.
Kanaaf qabeenya uumamaa fi dandeettii misoomuuf dandeessisu kana godinicharra darbee hiyyummaa keessaa bahuuf itti fayyadamuun akka barbaachisu kaasaniiru.
Bakki kun madda turizimiif kan oolu teessuma lafaa miidhagaa kan qabuu fi qabeenya uumamaa hawattoota hedduu bakka tokkotti kan qabate ta’uu beeksisaniiru.
Hojiileen misoomaa gurguddoon waggoota muraasa darban biyyattiitti hojjetaman abdii guddaa kan kennanii fi kutannoon hoggansaa kan keessatti mul’ate akka ta’e ibsaniiru.
Dhaloonni har’aa qabeenya biyyattiin qabdu gama hundaan fayyadamuun dhaloota dhufuuf biyya fooyyofte dabarsuu qabu jechuun dubbataniiru.