Tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata daldalaa addunyaa ta’uuf itti jirtuuf Ruusiyaan deeggarsa guutuu akka taasiftu ibsite - ENA Afaan Oromoo
Tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata daldalaa addunyaa ta’uuf itti jirtuuf Ruusiyaan deeggarsa guutuu akka taasiftu ibsite

Onkoloolessa 10/2018(TOI)-Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ministira misooma dinagdee Ruusiyaa Maksiim Reshikov wasliin dhimmoota gamlamee biyyaarratti mari’ataniiru.
Marii taasisaniin, dhimmoota tumsa bal’aa fi yeroo dheeraa biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti cimsuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Wayita kanatti tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf itti jirtu Ruusiyaan deeggarsa guutuu akka taasiftuuf ministirri Maksiim Reshinkoov mirkaneessaniiru.
Haala wal fakkaatuun ejensii atoomiikii fi anga’oota biroo waliin tumsa biyyoota lamaan jidduu jiru cimsuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos daawwannaa hojiif Mooskoo dhaqaniiru.