Sirni gaggeessaa reeffaa dursaa Muftii Hajjii Umar Idriis Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsqa Sillaasee bakka argamanitti galma barkumeetti gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Sirni gaggeessaa reeffaa dursaa Muftii Hajjii Umar Idriis Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsqa Sillaasee bakka argamanitti galma barkumeetti gaggeeffamaa jira

Onkoloolessa 10/2018(TOI)-Sirni gaggeessaa reeffaa dursaa Muftii Hajjii Umar Idriis Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsqasillaasee bakka argamanitti galma barkumeetti gaggeeffamaa jira.
Sirna gaggeessa galma Barkumeetti raawwatamaa jirurratti Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsqa Sillaasee dabalatee, pirezidaantiin Mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheeh Hajii Ibraahim Tufaa, Mana Amantaa Ortoodooksii Itiyoophiyaa Paatiraarikii bitsuh weqidus Abuunemaatiyaas, Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis, Ministirri Gorsaa Ministira Muummee dhimma Hawaasummaa Mu’aaze Xibebaat Daaqon Daani’eel Kibrat, Qondaaltonni mootummaa olaanoo fi Abbootiin Amantaa akkasumas hawaasni Musiliimaa hedduun argamaniiru.
Reeffi Pirezidaantii mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa duraanii dursaan Muftii Hajjii Umaar Idriis Masjiida Nuur piyaassaatti argamutti sagantaa kadhannaa fi sirni gaggeessaa taassifamuun ni beekama.
Reeffii dursaan Muftii Hajjii Umaar Idriis masjiida Nuur waggaa 40 keessatti barsiisaniitti kadhannaan solaatel Janaazaa kadhatameera.
Sirni gaaggeessaa reeffaa Galma barkumeetti raawwatamu yeroo xumuramu sirni Awwaalchaa ni taassifama.