Riijinichatti godaansa idilee hin taane ittisuuf hojmaatni qindoominaa eegalaman cimanii itti fufu- IGAD - ENA Afaan Oromoo
Riijinichatti godaansa idilee hin taane ittisuuf hojmaatni qindoominaa eegalaman cimanii itti fufu- IGAD

Onkoloolessa 10/2018(TOI)-IGAD Godaansa al-idilee riijinichatti mul’atu ittisuuf deebii qaamolee qooda fudhattootaa waliin qindoominaan eegale cimsee akka itti fufu beeksise.
Walgahiin Ministeerotaa IGAD 3ffaan Hojjetaa, hojii fi godaansa hojjetaa sadaffaan har’a Keeniyaa Naayroobiitti eegalameera.
Walgahiin kun mata duree “Badhaadhina riijinichaa karaa IGAD mirkaneessuuf hammattoo seeraa godaansa hojjetaa fi deddeebi’uu namoota fooyyessuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Waltjjicharratti Hojjettoonni Miseensa biyyoota IGAD, Ministiroonni dhimma biyya keessaa fi alaa, Ogeeyyiin, dhabbaata godaantota Idil-Addunyaa (ILO), dhaabbanni godaantotaa idil addunyaa (IOM), gamtaan Awurooppaa fi deeggartoonni misoomaa argamaniiru.
Haala yeroo hojjetaa, hojii fi godaansa hojjettootaa Riijinii IGAD jiru, godaansa al-idilee toora galaana diimaa ittisuun haala danda’amurratti nimari’atama.
Lammiileen riijinii IGAD ala jiran inisheetiiviin viizaa seensa viizaa baaqqeen biyyoota miseensaa daawwachuuf isaan dandeessisu wal gahicharratti ni ifooma.
Aniveeshinichi walitti hidhaminsa Dinagdee Riijinii fi Daldala daangaa ce’aa saffisiisuu akkasumas Tuurizimii guddisuuf faayidaa qabaachuu odeeffaannoo TOI’n IGAD irraa argate ni mul’isa.
Gamtaa Awurooppaatti deeggarsi faayinaansii kan hojiirra oolu hammattoon seeraa bilisaa namaa fi loonii boqonnaa lammaffaan ifa ta’a .
Hammattoon kun godaansa seera qabeessa cimsuu fi galma walitti hidhaminsa riijinii seera qabeessa mikleessuuf kan karoorfate ta’uu hubachiisaniiru.
Walitti hidhanminsa Daddabarsa namaa seeraan Alaa kukkutuu,nageenya lammiilee godaansaan biyyoota biroo jiraniif haala mijataa uumuurratti ni marii’atama.
Dhuma marichaarrtti biyyoonni waloon ibsa akka baasan kan eegamu yoo ta’u, godaansa nageenyisaa eegame, sirna bulchiinsa hojjetaa cimaa uumuu fi daddabarsa namaaf deebii qindaa’aa Riijinii kennuurratti kutannoo waloosaanii akka ibsan eerameera.
IGAD Godaansa riijinichatti sirnaawaa hin taane argame ittisuuf hojii waloo qooda fudhattoota waliin eegale cimsee akka itti fufu hubachiiseera.
Lammiileen filannoowwan seeraa akka hordofanii fi qormaata Dinagdee dabalatee sababawwan biroof furmaata waaraa kennuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.