Itiyoophiyaa Madin fi magaalaan Adaamaa walqixa bahan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa Madin fi magaalaan Adaamaa walqixa bahan

Onkoloolessa 10 /2018 (TOI)-Sagantaa torban jalqabaa piriimer liigii Itiyoophiyaatiin Itiyoophiyaa Madin fi magaalaan Adaamaa galchii malee walqixa bahaniiru.
Tapha har’a waaree booda Istaadieemii Finfinneetti gaggeeffameen taphataan magaalaa Adaamaa Hayidar Sharafaa kaardii keelloo lamaan kaardii diimaan dirreerraa baheera.
Hayidar bardheengaddaa bardheengaddaa Itiyoophiyaa Madin dursaa kilabichaa ta’uun Waancaa kan argate yoo ta’u taphataa cimaa ta’uun filatamees ture.
Itiyoophiyaa Madin imala kabaja waancaa eegsisuuf taasisu qabxii buusuun eegaleera.
Sagantaalee turban jalqabaa biroon magaalaan Bahaar Daar Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin Istaadiyeemii Finfinneetti, Midire Gannat Shiree Maqalee 70 Indartaa waliin Istaadiyeemii Hawaasaatti sa’aatii wal fakkaataa guyyaa keessaa sa’aatii 10tti nitaphatu.