Tamsaasa Kallatti:

Mariin miseensummaa dhaabbata daldalaa addunyaa Itiyoophiyaa si’achiisu gaggeeffamaa jira

Onkoloolessa 10/2018 (TOI)-Bulchaan Baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaaliny daarektara olaanaa dhaabbata daldalaa addunyaa Dr. Niikoozii Awwelaa waliin mari’ataniiru.

Marii Kanaan, tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata daldalaa addunyaa ta’uu itti jirturratti mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata daldalaa addunyaa ta’uunshee guddina dinagdee fulla’aa fi dandeettii dorgommii idil addunyaarratti qooda guddaa akka qabu eerameera.

Kanaaf akka lakk. Faranjootaatti Bitootessa 2026 yaa’ii ministirootaa dhaabbata daldalaa addunyaa 14ffaa Kaameruun Yaawundeetti gaggeeffamu irratti miseensummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf, hojiileen hafan akka si’atan qaama lamaaniin kutannoon jiraachuun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015