Inisheetiiviin Dammaa godinichatti hojiirra ooluu erga eegalee asitti oomishtummaa damichaa sadarkaa olaanaan fooyya’eera - ENA Afaan Oromoo
Inisheetiiviin Dammaa godinichatti hojiirra ooluu erga eegalee asitti oomishtummaa damichaa sadarkaa olaanaan fooyya’eera

Onkoloolessa 10/2018(TOI)- Godina Iluu Abbaa Booraatti Inisheetiiviin Dammaa hojiirra ooluu erga eegalee asitti oomishtummaa damichaa sadarkaa olaanaan fooyya’aa dhufuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Itti aanaan hoogganaa waajjirichaa obbo Awwal Mahaammad, qonnaan bultoonni godinichaa kanniisa horsiisuun walitti hidhataa fi muuxannoo guddaa qabu jedhaniiru.
Waggaa afur dura godinichatti gaaggurri ammayyaa kuma 50 hincaalle Inisheetiiviin dammaa hojjetamuu erga eegalee waggoota sadii asitti gaagurri ammayyaa kuma 300 qonnaan bulaaf raabsamuu kaasaniiru.
Oomishni dammaa toonii kuma 6 hincaalle bara 2017 gara toonii kuma 20tti akka guddate beeksisaniiru.
Kun ammoo oomishtummaan damichaa guddaa fooyya’uusaa akka agarsiisu kan ibsan obbo Awwal, haala mijataa godinichaa fi qabeenya kanniisaa hedduu waliin yoo ilaalamu bu’aa barbaadamu fiduuf ammallee xiyyeeffannoon akka hojjetamu beeksisaniiru.
Qonnaan bultoota Buna oomishan keessaa godinicha aanaa Mattuu Kan jiraatan obbo Waakkennee Abdiisaa TOI’f yaada kennaniin, waggaa jaha dura gaagura 17 akka qaban yaadachiisaniiru.
Wayita sana waggaatti dammarraa galii birrii kuma 45 akka hincaalle dubbataniiru.
Xiyyeeffannoo damee kanaaf kennamerraa ka’uun gaagura ammayyaa 300 akka qaban eeranii, oomishni dammaa fi galiin kanarraa argatan guddachuu ibsaniiru.
Jiraataan aanaa Bachoo obbo Xaasoo Ligdii gamasaaniin, gaagura 200 akka qabanii fi faayidaan argatan guddacha dhufuu dubbataniiru.