Naannichatti qulqullina barnootaa eegsisuuf kan gargaaran galtee guutuu fi sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuun bal’inaan raawwatamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti qulqullina barnootaa eegsisuuf kan gargaaran galtee guutuu fi sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuun bal’inaan raawwatamaa jira

Onkoloolessa 10/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti qulqullina barnootaa eegsisuuf kan gargaaran galtee guutuu fi sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuun sagantaa barumsi dhalootaaf jedhuun bal’inaan raawwatamaa jiraachuu biiroon barnootaa naannichaa ibse.
Hoogganaan Biirichaa Dr.Tolaa Bariisoo TOI’f akka ibsanitti, naannichatti qulqullina barnootaa eegsisuuf dhiheessii galtee fi bu’uuraalee misoomaa guutuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Sagantaa Barnoonni dhalootaaf jedhuun Ijaarsi manneen barnootaa Idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa baajata mootummaafi hawaasa hirmaachisuun, manneen barnootaa keessattii immoo ibsaa fi bishaan guutuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ijaarsa dhaabbilee barnootaa alattis dhiheessii galtee dhaqabamaa taassisuuf Aanaa fi magaalotatti mana kitaabaa Dijiitaalaa waliin gahuu fi ijaarsa paarkiiwwan ICT ni gaggeeffamu jedhaniiru.
Baatiiwwan gannaa kitaabota barnnootaa Miiliyoona 3tti dhihaatan manneen barnootaaf rabsamuusaanii eeruun bara baajataa qabametti kitabota barnootaa miiliyoona 6tti dhihaatu raabsuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Kitaabni barattootaa kun hanqinoota jiran furuuf tattaaffiin taassifamu humna dabalataa akka ta’u ibsuun hojicha itti fuufsiisuun kitaaba manneen barnootaa sadrarkaa 1ffaa raabsuuf qophiin xumuramnuu kaasaniiru.
Itti fufun waliin gahiinsa manneen barnootaa idileen duraa mirkaneessuuf tattaaffii taassifamuun qaamolee deeggartootaa fi hirmaannaa hawaasaa cimsuuf ni hojjetama jedhaniiru.